Pages

Friday, May 23, 2014

Maadhee Iftuu Barii, Sulultaa Caamsaa 22, 2014 Waamicha FDG Dabarse

Maadhee Iftuu Barii, Sulultaa Caamsaa 22, 2014 Waamicha FDG Dabarse

Guyyaan Caamsaa 22/2014
Qabsoon FDG Hanga Sirna Wayyaanee Hundeen Buqisu Hin Dhaabbatu!
Kan dhageettii miti kan ijaan arginu kan dhugaan iyyatee addunyaa waammattu yeroo sabni balaan saamamuu lafa isaatii fi dhumaatii ijoollee isaaf gaaffii ol kaafatu maatii salphoo keessatti kan dhalatee guddate kan safuu hin beekne mootummaan wayyaanee uummata guddaa maanguddoo fi ijoollee hin jedhu rasaasaan reebee ajjeesa. Nuti maadhee Iftuu Bariiti, karaan danqaraa qofa tahe kan wajjin maadditti dhiyaatan lama keessaa tokko gurgurataadha, abbaa isaa kan garaaf dabarsee dhala dhalee fi dhalche dabarsee kennaa jira. Nuti uummata keenya waliin, uummata jiraattoota aana Sulultaa, Qote Bulaa aanaa kanaa fi barattoota manneen barnootaa sadarkaa garagaraa jalatti argaman waliin wal taanee hojii mootummaa wayyaanee ni balaaleffanna.
Mootummaan Wayyaanee aangoo isaa irra guyyaa tokko hin turu kan irra bubbulchee achirratti qallabaa jiru dhaaba OPDO kan saba isaaf ilaalcha sabummaa herregee hin beekneedha.Hara mootichi hojii isaatti qaanaaa hin jiru saba biraa keessaa kan dhalate gara dhaaba kanaatti harkisee ogganummaa olaanaa kenneefii diddaa uummata oromoo kan danqaru tolfatee jira, uummanni keenya kan beekuu qabu mootummaan kun mootummaa waltawaatti biyya dimokiratooftuu jedhee addunyaa sobuudhaan keessaan ammoo kaayyoo duguuginsa sanyii oromoo irratti gaggeeffachaa raawwachaa jira, harI bor miti bor waa hedduutu jijjiirama OPDOn hara saba oromoo gurgurataa ilmaan oromoo ficcisiisaa jiru gaafa oromiyaan bilisoomte uummata isaa kana waliin jiraachuun hin hafu bor garuu yaada maalii dhiyeessaa maal jedha kan jedhuuf bortu beeka! Kanaaf nuti akka maadhee Iftuu Bariitti gocha mootummaa wayyaanee balaaleffachuuf ammas uummata keenya waliin hiriiruuf barataan oromoo waa hundaanuu sila miidhame FDG qixa kamiinuu barumsa isaa dhaabee itti fufuu qaba, uummanni keenya bakka hara kauun miidhaa boruu isn irra gahu hambisuudha, hara falmachuun carraa ijoollee keessanii kan boruu mirkaneessuudha. Dhaabni OPDO uummata Oromoo bakka buuu akka hin dandeenye beekuu qabna, isaan kun gariin isaanii buaa dhuunfaatiif akka jiraataa jiran hubachaa:-
1. FDG torbeewwan sadii dura oromiyaa keessatti dhoe bifa haaraadhaan itti fufsiisuuf yeroo fi guyyaa tokkichatti wal beellamnee kauu.
2. Hanga guyyaan beellamaa gahutti miseensota OPDO keessaa kan diddaa fi gaaffii keenya deggeran irraan waan boru danqaraa nutty tahu isaan irraan hubannee hara keessaa ciruudha,
3. Rakkoon saba Oromoo dhaabbilee amantaa fi jaarmayaa Oromoo garagaraa quuquu hin didne, kun eenyuttiyyuu kan dhagaamuudha isa dhageettii miti ijaan utuu arginuu gaafa ni ciru gaafa nu ajjeesu kun bor saba biraallee nu tuffachiisa, FDG kun as dhiyootti bifa haaraadhaan itti fufuuf waamicha keenya maqaa maadhee keenyaa fi saba balaatiin dabarsina.!
Injifannon Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Waamicha FDG Maadhee Iftuu Barii, Sulultaa Irraa!

No comments:

Post a Comment