Caamsaa 26,2014 Finfinnee
Caamsaa 25/2014 Halkan edaa sa’aatii 9:00PM irratti yakki suukkaneessan barattoota Oromoo fi barattoota lammiilee biyyatti
Yuunibarsiitii Walqixxee irratti raawwatame. Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee Gaaffii Mirga abbaa biyyummaa fi FDG Oromiyaa keessa fi biyyoota garaagaraatti gaggeeffamaa jiru itti naasuu keessa seenuun FDG kana gara dabarsuuf karaa dabbaallootaa fi humnoota tikaa isaa qaama hin beekamnee fakkeessuun doormii barattootni Oromoo baay’inaan keessa jiraatanitti ibidda qabsiisuun qabeenyaa miliyoonatti lakka’amuu fi lubbuu barattoota irraatti yakkaa suukkaneessa rawwachaa jira.
Gochaa humnooti tikaa fi dabballoonni Wayyaanee raawwatan kanaan barattooti baqatanii bahuu hin dandeenyetti balbala doormichaa
itti cufuun ibidaan barattoota Oromoo barbadeesse., Barattootni gariin isaanii gamoo abbaa darbii 3 irraa jala ba’uuf lafatti utaalanii midhaan ulfaataan irra ga’ee jira.
Doormiin ibiddaan barbadeeffame kun Doormii barattootni Oromoo
kumaan lakka’aman keessatti argamanidha. Barattootni hedduun kanneen 68 olitti lakka’aman amma miidhaa ulfaataan irra ga’ee hospitaala seenanii jiru.Barattootni muraasni utuu mana yaalaa hin qaqqabiinlubbuun wareegaman.