Adoolessaa 4,2014 Guyyaa har’aa godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa keesatti Poolisootni sirna Wayyaanee Kora bittinneessaa Jedhamuun beekaman humna hin beekamneen haleelaman.Haala kanaan Nammotni hedduun Madaa’uun Poolisiin sirna Wayyaanee tokkos battalatti ajjeefamera Polisootni sirna Wayyaanee tajaajilan maqaa kora bittinneessaa jedhamuun beekaman magaalaa Jimmaa naanna’uun sodaa fi yaaddoo mootuummaan Wayyaanee keessa lixee jiruun poolisootaa hafanii fi uummata naannichaa keessatti soda guddaa galchaa jiru.
Haalli kun itti fufee sochii barattoota Oromoo fi qonnaan bultoota Oromooti sababaa jedhuun keellaalee ykn ittisa bahaa fi galma magaalaa irratti uumata nagaan deemu mara sakatta’a cimaan akka deemsisaa jiran gabaasi qeerroo godinichaa addeessa.
Kana malees Polisoota Kora bittinneessaa Wayyaanee daandii Finfinnee irran Magaalaa Jimmaatti seensisuu irratti ramadamanii jiran irraatti humni hin beekamnee tarkaanfii haleellaa Fudhateen poolisoota Wayyaanee haleeluun tokko irra battalatti ajjeesuun kannee kan sadii immoo akka malee madeeffamuun gabaafama.Walitti dhukaasa sa’atii muraasaaf tureen namootni hedduun akka madaa’an beekamee jira.
Humni hin beekamne kun guyyaa har’a ganama keessaa sa’aatii 9:30WD  irratti galma Magaalaa Jimmaa kellaa guddicha Magaalaa Jimmaa seensa irratti argamu irratti kan fudhatame ta’us haala kana irraa ka’uun yeroo amma kanatti magaalaan Jimmaa raafama guddaa keessa seentee jiraachuu qeerroon gabaasa isaan addeessa.