Pages

Friday, May 16, 2014

Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Irraa Kenname. Caamsaa 15,2014 Amboo

Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Irraa Kenname.
Caamsaa 15,2014 Amboo

Caamsa 15/2014 Ibsa Gabaaba Hoggansa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Dhiha Oromiyaa irra
kenname.
 Gidduu kana Mootummaa Naannoo Oromiyaati jechuun kan maqaa Oromoo fi Oromiyaatiin of
waamaa jirtuu OPDO fi ani president naannoo Oromiyaati jechuun of aaduun walgahii uumataa kan
eegalu Muktaar Kadir ibsa Caamsaa 13/2014 Godina lixa Shawaa Amboo fi Godinaalee Oromiyaa
garaagaraatti miseensota OPDO fi ilmaan Habashaa walitti qabuun kenne ilaalchisuun bakka
bu’ootii fi qindeessitooti FDG Qeerroo bilisummaa Oromoo godina lixa Shawaa Ibsa fi marii
Muktaar Kadir gaggeesse balaaleffate jira.

Muktaar Kadir jedhamu ani Mootummaa fi presedantii naannoo Oromiyaatii jechuun erga of ibsee
booda sababa FDG gaaffii mirgaa fi dimookiraasii uummaanni keenya Oromoon karaa nagaa
gaaffateef balleessa tokko malee qe’ee isatti ajjeefama jiruuf Muktaar Kadirii dabballoota OPDO fi
ilmaan habashaa Oromiyaa keessatti dhalatanii guddatan walitti qabuun ibsa armaan gadii fulleetti
dubbachuun ni yaadatama. Qabxiiwwaan Gurguddoo Muktaar dabbaloota sirnichaaf kaasee keessa
Muraasni:



1. Mootummaan keenya tarkaanfii magaalaa Amboo fi Oromiyaa godinota garaagaraa irratti
fudhatametti ni boona, keessattuu Poolisii federaalaa guddaa galateeffanna, jechuun ergama
diinumma ifatti dubbatee jira.
2. Tarkaanfiin fudhatame sirriidha, tarkaanfii obsa guddaan fudhatamedha, jechuun dhaadate
jira.
3. Gaaffiin ka’ee jiruus gaaffii uummata Oromoo miti uummaannii Oromoo gaaffii akkasii hin
qabu,
4. Uummaanni keenyaa Misoomeera, nagaan olee bulaa jira, rakkinni uummaanni keenya
qabu nuuf hin gallee, mirgii uummata Oromoo kabajameera,
5. Gaaffii kan gaafate, hattuu, kashalabbee fi Farreen nageenyati jechuun Ifatti uummata
Oromoo arrabsee jira.
6. Sochii warraaqsa FDG nurratti gaggeeffama jiruu, hiriira baanee balaaleffachuu qabna
jechuun miseensota dabbaloota sirna TPLF/EPRDF/OPDO fi ilmaan habashaa Oromiyaa
keesatti dhalatanii guddataniif ajaja dirqama kennuun oloola afaan faajjii uumuuf tirtira
jirachuu ibsatee jira.
7. Barattoota muraasatuu humna duubaa jiru waliin ta’uun jeequmsa nurratti kaase jechuun
dabballoota hojii irraa arii’amtuu, ni hidhamtuu jedhamuun doorsisaan walitti qabaman
gidduu dhaabbatee namni ani mootuummaa uummata bakka bu’uu president mootummaa
Naannoo Oromiyaatii ofiin jedhu uummaata Oromoo dhugaa isaaf ajjeefamee qe’ee isaa
irratti awwalcha dhabaa jiru arrabsuu fi itti dhaadachuun isa mul’atee jira.

Qabxiiwwaan Ergama diinummaa Muktaar Kadir jedhamu olola afaan faajjii uumuuf, dhugaa
uummataa awwaaluuf, gumaa uummata keenyaa gara dabarsuuf, yaalii gochaa jiru irratti
dammaquun hoggansii qeerroo bilisummaa Oromoo qabxiiwwaan gaggababoo saddeet 8 baasuun jabeessee ergama Muktaar Kaadir balaaleffachuun uummata Oromoo hundaaf ergaa guddaa
dabarsee jira.
1. Mootummaan uummata bulchaa jirutti waraana bobbaasee uummata meeshaa maleeyyii
dhukaasee ajjeesuun, keessattuu daa’ima Waggaa torbaa, dargaggoota waggaa 15 gadii fi
manguddoota waggaa 75 olii dhukaasee ajjeesuun har’a waltajjii uummachuun tarkaanfiin
fudhatame sirriidha jechuun uummata Oromoo irratti dhaadachuun tuffii Muktaar Kadir
uummata Oromoof qabu ifatti kan mul’isuu fi Muktaar Kadirii fi mootummaan EPRDF
shororkeessituu ta’uu Qeerroon addunyaaf saaxilaa jira.
2. Uummaannii Oromoo Godinaalee Oromiyaa hundaa fi dhaabbilee barnoota olaanoo hanga
manneen barnoota sadarkaa 1ffatti utuu hin hafiin uummaanni Oromoo gaaffii Mirgaa karaa
nagaan gaafatneef deebiin nuuf kennamuu qaba jechuun uummaanni gamtaan dhaabbatee
utuu falmachaa jiruu; gaaffiin gaaffii uummataa miti jechuun FDG uummaannii fi
dargaggootni itti amanuun wareegama qaalii irratti kanfalaa utuu jiruu, FDG fi gaaffii
uummataa gara dabarsuuf gaaffi olola maqaa farreen nageenyaati, jechuun qabsoo
uummataa dura dhaabbachuuf olola Muktaar Kadirii fi OPDO’n oofaa jirtu jabeessinee
balaleffanna.
3. Dhaabni waggaa 24 guutuu maqaa uummata Oromootiin daldalaa qabeenyaa Oromoo
saamsisaa, Oromoo gaaffii mirgaa karaa nagaa gaafatee qe’ee isatti ajjeesisaa, hidhatti
guursisaa, reebsisaa, barnoota irra ariisisa, uummataa Oromoo arrabsaa, arrabsiisaa,
tuffachaa tuffachiisaa as geesse ammas uummata Oromoo bakka bu’uu kan hin dandeenye
ta’uu ni jabeessinee hubachiifna.
4. Shirri guddaa Muktaar Kadirii fi EPRDF/TPLF/OPDO’n xaxamaa jiru, FDG dura
dhaabbachuuf dabballoota amanamoo OPDO fi ilmaan habashaa Oromiyaa keessatti
dhalatan walitti qabuun hiriira balaaleffaanna FDG fi sochii uummataa dura dhaabbanna
jechuun wayyaanotaan qopha’ee afarfamaa jiru atattamaan dhabbachuu qaba. Uummaanni
Oromoos akeeka kana irratti dammaquun FDG jabeessuun mootummaa burkutooftuu kana
aangoo irra darbuun bilisummaa ofii mirkaneeffachuuf qabsoo FDG jabeessuun itti fufuu
qaba.
5. Ajjeechaa Suukkaneessaa Waraana Mootummaa TPLF/EPRDF/ OPDO fi Muktaar Kadir‘n
uummata nagaa karaa nagaa ba’ee mirga isaa gaafate irratti rasasa robsuun uummata
Oromoo jumlaan ajjeefamanii fi ajjeefamaa jiraniif itti gaafatamuummaa seeraa fi seenaa
jalaa ba’uu akka isan hin dandeenye jabaassenee hubachiifna.
6. Muktaar Kadiirii fi Dabbaallootni Sirnichaa fi Mootummaan EPRDF yeroodhan qabamanii
seeratti akka dhiyaatanii fi Ilmaan Oromoo jumlaan ajjeeffamanii, Hidhamanii,
Madeeffamaniif fi barnoota irraa arii’amaniif yoom iyyuu itti gaafatama seenaa fi Seeraa
jalaa ba’uu kan hin dandeenye ta’uu ni hubachiifna, kanuma hubachuun ilmaan Oromoo
bakka jirtan hundaa yakkamtoota guyyaa saafaa dhukaasee uummata keenya irratti yakka
dugugginsa sanyii rawwacha jiru irratti wal cina dhabbannee himata qophiisuun mana
murtii yakka addunya ICC irratti akka himatamanii seeratti dhiyeeffachuu dandeenyuuf
ciccoominaan haa hojjennu jechuun dhamsa isiniif dabarsina.
7. Uummaanni Oromoo hundi mirga isaa deeffachuuf, walcina dhaabbatee harkaan
walqabatee bilisummaa isaa kabachiifachuuf FDG fi qabsoo karaa nagaa eegalee Oromiyaa
mara raasaa jiru jabeessuun lafa fi qe’ee isa irratti of kabachiisuu qaba. 8. Olollii mootummaa Shororkeessa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO maqaa Master planii
Finfinnee jechuun lafa, qabeenyaa, aadaa, afaan, eenyuummaa, fi sabboonuumma, fi abbaa
biyyummaa Oromoo sarbuuf qopheeffame hatattamaan haqamuu qaba, malee maqaa
misoomaa waliinii jedhuun bukkeetti qabamee hojitti hiikamuuf kan hojjetamaa jiru
cimsinee dura dhaabbannee falmachuuf Oromoon bakka jiruu harka walqabatee ka'uu qaba.

 Injifannoon uummata Oromoof!!
 Gadaan Gadaa Bilisummaati!!.
 Caamsaa 15/2014
 Dhihaa Shawaa Oromiyaa irra!!.

No comments:

Post a Comment