Pages

Saturday, May 3, 2014

Ibsa Ijjannoo Waldaa Qorannoo Oromoo fi Waldaalee Hawaasa Oromoo Ameerikaa Kaabaa: Ijjechaa Barattootaa Oromootiif Ummata Oromoo Ilaalchisee | Statement of Oromo Community Organizations in the U.S. and Oromo Studies Association (OSA)

Ibsa Ijjannoo Waldaa Qorannoo Oromoo fi Waldaalee Hawaasa Oromoo Ameerikaa Kaabaa: Ijjechaa Barattootaa Oromootiif Ummata Oromoo Ilaalchisee | Statement of Oromo Community Organizations in the U.S. and Oromo Studies Association (OSA)

We, Oromo Community Organizations in USA, and OSA jointly prepared this press statement in Afaan Oromoo to condemn the heinous crimes committed against defenseless and innocent Oromo University students and those who joined their just movements in solidarity. We also expressed our readiness to stand in solidarity with the Oromo University Students and the #OromoProtests. We ask the Ethiopian regime to unconditionally release the hundreds of University Students detained by the Federal Security Forces and bring to justice those who ordered the use of live bullets to put down the protest. We ask the Oromo in Diaspora to protest in all major cities where the Oromo live in large numbers and fund raise money to support the victims of the massacre and affected families by covering some of their medical and miscellaneous expenses. We have formed a National committee to coordinate the fund raising activities during rallies and at prayer places (Mosques, Churches). This is a work in progress and seek your support as we go forward. We strongly believed that the regime can only be defeated through concerted and sustained resistance movements which requires our collective material and intellectual resources. The Oromo must be ready to pay the utmost sacrifices the struggle demands to free our nation and heal the broken hearts of its oppressed masses.
————————-

Ibsa Ijjannoo Waldaa Qorannoo Oromoo fi Waldaalee Hawaasa Oromoo Ameerikaa Kaabaa: Ijjechaa Barattootaa Oromootiif Ummata Oromoo Ilaalchisee

Seensa:
Nuuti Waldaleen Hawaasa Oromoo Ameerikaa Kaabaa keessaa tiif Waldaan Qorannoo Oromoo yeroo ammaan kanaa mootummaa abbaa irree Impaayeera Itoophiyaatiin sochii mormii barattoota Yunivarsittii, barattoota mana barumsaa sadarkaa adda addaa fi ummmata Oromoo dhaamsuuf jechaa ijjechaa garaa hammeennaan barattoota irratti raawwatameen lubbuun barataa hedduu dhabamuun haalaan nu gaddisiise jira.
Mootummaan Itoophiyaa mootummaa mirga ummattoota Itoophiyaa hiree ofii ofiin murteeffachuu humnaan ittisee karaa seeraan alaatiin angoo siyaasaa ofii dheerrafachuuf tattafataa jiruudha. Mootummaa Itoophiyaa TPLFn durfamu jalatti waggoottan 23 dabran keessatti ummatii Oromoo hiree siyaasaa biyya isaa irratti wal-qixxummaan murtessuu dhabee, akka bineensa bosonaa mootummaan yeroo fedhutti ijjeessu ta’ee jira. Ummatii Oromoo mirga bilisummaan gurmaa’uu, dhaabbata siyaasa fedhu deeggaru, mirgaa odeeffannoo walabaa midiyaa walabaa irraa argachuu, hiriira nagaa bahuu dhorkamee biyya isaa irratti lammii lammaffaa fi garboota ta’anii jiraachaa jiru. Haallii Sabii Oromoo tiif ummattootii Itoophiyaa biro keessa jiran gonkummaa fudhatama kan hin qabneef jijjiramuu kan qabuudha.
Guyyaa hardhaa Camsaa 2, 2014 walga’ii hatattamaa Waldaaleen Hawaasa Oromoo Ameerikaa Kaabaa tiif Waldaan Qorannoo Oromoo godheen ibsa ijjannoo waloo kana baafne jirra. Ibsii ijjannoo kun deeggarsa hawaasi Oromoo biyya alaa keessa jiru sochii didda gabrummaa fi fincila barattoota Oromoo Yunivarsitii Oromiyaa/biyyoleessa keessa jiraniif qabnu muldhisuudhaaf kan qophaa’eedha.
Ibsa Ijjannoo:
1. Gocha farrummaa ummataa Oromotiif qabu irraa kan ka’e mootummaan Itoophiyaa Ijjechaa seeraan alaa barattoota Oromoo tiif ummata Oromoo hiriira nagaa bahe irratti raawwate cimsinee kan balaaleffannu ta’u keenna ibsina. Ijjeechaa garaa hammeennaan barattoota Oromoo irratti raawwatameef hoggantoota mootummaa abbaa irreetiin ala qaamnii biraa itti gaafatamu akka hin jirre amanna. Ijjechaan bara baraan dhala Oromoo irratti raawwatamu gocha fixiinsa sanyii Oromoo ta’uuti hubbanna. Hoggantootii mootummaan Itoophiyaa TPLFn durfamu Dhiiga ilmaan Oromoo jissuu irraa akka of-qusatan akkeekkachiifna.
2. Maqaa misooma qindomina qabuu fiduuf jechuudhaan tarsiisoo mootummaan abbaa irree lafa Oromoo ummata Oromoo irraa buqqisuudhaan deeggartootaa fi abbaa fedheef kennuuf maqaa “Addis Ababa and Oromiya Special Zone Joint Development Master Plan” jedhuun moggaase raawwii isaaf tattafachaa jiru cimsinee kan balaleeffannu ta’uu ibsina. Karoorrii kun akkuma ummata Oromoo biyya keessa jiruuf dhimmii kun kallatiin ilaalu biratti fudhatama hin qabne, nu Oromoota biyya ambaa jiraannu birattis akka fudhatama hin qabne ibsuu barbaanna. Mootummaan abbaa irree Impaayeera Itoophiyaa qondaaltoota siyaasaa isaa ijjechaa ilmaan Oromoo keessatti kallatiin qooda qaban hatattamaan too’annoo jala oolanii gara seeraati akka dhiihatan akka godhu akkeekachiifna. Galmaa’an gahuu kaayyoo kanatiif dhaabbileen mirga dhala namaatiif falman hudumtuu mootummaa Itoophiyaa irratti akka dhiibbaa godhan gaafanna. Gochaan ummata Oromotiif ummattoota biroo Itoophiyaa Keessa jiran ukkamsuudhaaf mootummaan Itoophiyaan yeroo yerooti fudhatamaa jiru, fixiinsa sanyii namaa akka ta’e hubatamee qaamnii dhimmii Kun ilaalu kan akka International Criminal Court (ICC) qorannoo shakkamtoota yakka kanaa gara seeraati dhiheessuuf barbaachisu amumma akka eegalan gaafanna.
3. Maatii Wareegamtoota ilmaan Oromoo ijjechaa mootummaan TPLFn raawwatameen dhuman hundaaf gadda guddaa nutti nagahame ibsina. Dhiigii ilmaan Oromoo dhiiga bineensa bosonaa akka hin taane hubannee gumaa isaanii deebisuudhaaf qabsoo gaggeeffamu keessatti deeggarsa nurra barbaadamu godhuudhaaf qophii ta’uu keenna ibsina. Gaddii keessan gadda keennaaf gadda ummata Oromoo cufaa. Kanaafuu,gadda keessan isan waliin dhaabbanne isin sabbarsiisuuf qophii ta’uu keenna ibsina. Galatii ilmaan Oromoo qabsoo mirgaa Oromootiif kufanii bilisummaa saba Oromootiif walabummaa Oromiyaa callaa akka ta’e hubbanna.
4. Barattoota hidhaman hundaa haala duree tokko malee akka gad dhiifaman cimsinee gaafanna. Hidhaamtoota Siyaasa mana hidhaa Impaayeera Itoophiyaa keessa jiran maraa akka gad dhiifaman cimsinee gaafanna. Ummatii Oromoo Ameerikaa kaabaa keessa jiraannu qabsoo haqaa Oromoo keessatti ummata Oromoo biyya jiru cinaa jiraachuu keenna yeroon mirkaneessinu ammaan kana jennee amanna.
Qabsa’aan ni kufa, Qabsoon itti fufa!
Tokkummaan Ummata Oromoo haa jabaatu!
Ibsa Waloo Waldaalee Oromoo armaan gadiiti maqaan tarreeffame:
1. Waldaa Qorannoo Oromoo
2. Waldaa Hawaasa Oromoo Chicago
3. Waldaa Hawaasa Oromoo Ohio
4. Waldaa Hawaasa Oromoo Michigan
5. Waldaa Hawaasa Oromoo Nashville fi Memphis, Tennessee
6. Waldaa Hawaasa Oromoo Kentucky
7. Waldaa Hawaasa Oromoo Seattle
8. Waldaa Hawaasa Oromoo South Dakota
9. Waldaa Manguddoo Oromoo Minnesota
10. Waldaa Hawaasa Oromoo Denver

No comments:

Post a Comment