OromiaALutaContinua2011FDG
Caamsaa 3/2014 FDG jabaatee itti fufe haala kanaan gaaffiin karaa nagaa fi dimookiraasii itti fufuu irraan Wayyaaneen nagaa hin dhageenye amma illee sagalee qawween malee uumataaf deebii kennuu didaa akka jiru dhagahama.
Guyyaa har’aa Godina Lixa Shawaa aanaa Shananitti uummaanni daandii shanaanii Xiqur Inciniii geessuu akka banamuu hin dandeenyetti cufamee diddaan cimaan kan qoteebulaa waliin gamtaan ka’e qabsiifamera.Waraanni Wayyaanees uummata meesha maleeyyi itti rasasa matarayasii dhukaasuun ajjeesaa jira. Yeroo kanatti Aanaa Shaanana irratti ilmaan Oromoo 3 wareegama Qaalii
kanfalan. Shamarreen Oromoo Hayinaaleem Guutuu dubara waggaa 14ti fi dargaggoonni 11 biroo yeroo amma mana hidhaa qabamanii akka jiranii fi Obboleessii ishee da’imni waggaa 9s akka ajjeefamee jiru gabaasi ammaaf achi irraa dhihaate addeessa.