Pages

Thursday, May 29, 2014

Barattootni Oromoo Nyaata Lagachuun Dabarsan

Barattootni Oromoo Nyaata Lagachuun Dabarsan

Posted: Caamsaa/May 29, 2014 · Finfinne 
Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa Ayaana Ayyaanee Wayyaanee Caamsaa 20 Nyaata Lagachuun Dabarsan
Barattootni Yuunivarsiitii Haramaayaa Ayaana Caamsaa 20 irratti nyaata lagachuun diddaa dhageesisan. Yuunivarsiitii Garaa garaa keessattis Sabboontotni Oromoo uffata gaddaa
Mootummaa Wayyaanee irratti qabsoon abbaa biyyummaa jabaachuudhaan kan itti fufe Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti Barattootni Oromoo ayyaana Mootummaa Wayyaanee Caamsaa 20 irratti Yuunivarsiitii keessatti nyaata lagachuun diddaa dhageessisan. Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti baay’inaan 10,000 ol tahan Guyyaa waanjoon garbummaa Uummata Oromoo irratti bifa jijjiirratee dhufe Caamsaa 20 gaddaan dabarsuun diddaa nyaata lagachuu taasisanii jiran. Bulchinsi mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaa fi Bulchaan Godina Harargee bahaa dhimma kana irratti dhiphina guddaa keessa kan seenan yoommuu tahu Mootummaan wayyaanees haala jabaan dhiphattee jirti. Barattootni Kunneen nyaata lagachuu irraan darbuun uffata gaddaa kan uffatan Yoommuu tahu diddaa wal fakkaataan Yuunivarsiitii Adaamaa, Amboo fi Hawaasaa keessatti bifa wal fakkaataan sabboontotni Uffata gaddaa uffachuun ayyaana caamsaa 20 gaddaan yaadatanii jiran.

No comments:

Post a Comment