Pages

Friday, May 9, 2014

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo,Caamsaa 9,014 Finfinnee.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo,Caamsaa 9,014 Finfinnee.

logo-qeerroo-oromiyaa3

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Caamsaa 9,2014

Ummatni Oromoo fi dargaggootni Oromoo addatti ammo barattootnii University, Kolejotaa fi Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi Lammaffaa torbanoota lamaan darbe gaaffii sirna fi seeraa Mootummaan Oromiyaa akka deebisuu fi mirga abbaa biyyummaa Oromoo gaafataa turre.
Haa tahu malee gaaffii keenyaaf deebiin mootummaa human Polisa Federalaa biyyattiin qabdu hidhannoo guutuu waliinii fi waraana Agazii dargaggota, barattootaa fi ummata harka qullaa irratti bobbaasuun Oromiyaa guutuu dirree waraanaa godhee lubbuun namaa hedduu fi qabeenyi barbadaawee jira. Gaaffiin keenya gaaffii mirgaa fi seera qabeessaa waan taheef:
  1. Ummatni fi barattootni kumaan lakkaawaman kan mana hidhaa haaraa bakka bakkatti Polisi Federalaa bane keessatti dararamaa jiran hatattamaan akka gadi lakkifaman. Galmeen hidhamtootaa kumaan lakkaawamu kunis Ummta Oromoo fi addunyaaf ifa akka tahu.
  2. Kanneen Barattotaa fi Ummata Oromoo nagaa meeshaa baraneen bakka bakkatti ajjeefaman kudhanootaan lakkaawaman ajjeesan fi akkataa itti ajjeefaman Qaama Walaba Tahe Mootummoota Gamtoomaniin utubameen akka qoratamanii fi seeratti akka dhihaatan.
  3. Hidhamtootni Siyaasaa biyyatti guutuu keessa waggaa 23 darban
    hidhaa keessatti murtii kijibaan fi murtii malee dararamaa jiran hundi haal duree tokko malee akka gadi lakkifaman.
  4. Polisni Federalaa fi waraanni mootummaa Federalaa naatoo tokko malee irra deddeebi’ee ummata Oromoo fi ummatoota biro mirga isaanii nagaan gaafatan rashanaa jiru Oromiyaa keessaa hatattamaan akka gadi lakkisee bahu.
  5. Poolisnii fi Dabballootni Wayyanneen/EPRDF University, Kolejotaa fi Manneen barnootaa keessaa akka gadi lakkifamanii fi mooraan barnootaa hundi siyaasaa partii EPRDF fi tikaa fi Poolisa irraa bilisa akka tahu.
  6. Oromiyaa Guutuu Keessatti Ummata Oromoo lafa irraa buqqisuun akka hatattamaan dhaabbatu fi kanneen buqqifamaniif beenyaan akka baafamu
  7. Mirgi Hiree Murteeffannaan Ummata Oromoo akka kabajamu
  8. Qabsoon Bilisumma Oromoo fi sochiin gaaffii mirgaa Qeerroon
    gaggeeffamu nagaan kan gaggeeffamuu fi nagaan mirga falamtuu tahuu mirkaneessina. Qabsoo karaa nagaa gaggeessinu kanaaf deebii karaa nagaa akka nuuf kennamu gadi jabeessinee gaafatna.
  9. Qabsoon keenya fi sochiiin nagaan godhamu kun ummata nagaa saba kamuu, lammii kamuu fi nam tokkeenis tahe gurmuun kan nagaan hojjatatee bahee galu ykn qabeenya isaa kan target godhate miti. Gaffiin keenya sirna cunqursaa fi gaaffiilee mirga ummata Oromoo fi hegeree jireeneya keenya kan ilaalan akka deebii argatan qofaa dha. Kanneen maqaa keenaan ummata biraa irratti duulaa fi doorsisa godhan ni mormina.
  10. Gaaffiilee keenyas barnoota keenya barataa ummata keenya waliin nagaan akka deebii argatan sochii keenya itti fufaa hanga gaaffiin keenya deebii gahaa argatan kan hin dhaabbatne tahuu mirkaneessina
  11. Sochiin keenya fi gaaffiin keenya kan haqaa waan tahaniif humni Qeerroo Bilisummaa Oromoo caasaa isaa guutummaa Oromiyaa keessatti diriirfatee sochii kana adda durummaan erga gaggeessuu eegalee waggoota lama gahee jira. Ummanni Oromoo Oromiyaa keessa fi biyya alaa  jiru ofitti simatee deggersa nuu taasisaa jiruuf guddoo galateeffatna. Gama biraan ammo humnoonnii  fi namoonni dhuunfaan sochii warraaqsaa Oromiyaa keessatti finiinee ol bahe kana gaaffii haqaati jechaa gama tokkoon ammo sochiin biyya keessaa hogganummaa hin qabu jechuun qindoominaa fi bilchina dhalooti ammaa irra gahee sochii FDG Oromoo kana gadi xiqqeesuun sochii hogganaa fi qindoomina kan hin qabne fakkeessuun warri dhiheessuu  barbaaddan doggoggora kana irraa of ittiftanii dargaggoonni humnaa fi dandeettii sochii kana qindeessuu qabaachuu keenya bartanii akka nu cinaa dhaabbattan waamicha isinii goona. Kana malees nagaa jallattootni fi kannen mirga ilma namaa kabajan hundi akka nu cinaa dhaabbatan waamicha keenya gadi jabeessinee dabarfatna
  12. Ilmaan Oromoo waraana mootummaa , Poolisa Federala, hidhattootaa gandaa fi poolisni Oromiya obbolaa keessan irratti dhukaasuu keessaa akka dhaabbattan fi yoo waamicha kana diddan seenaa fi seerri akka isin gaafatu hubachiifna.
  13. Waraana, Poolisa Federalaa fi tika mootummaa Fedralaa keessa kan jirtan hundi ummata nagaa fi barattoota da’aimman irratti dhukaasuu akka irraa dhaabbattan gadi jabeessinee gaaftna. Seenaa fi seeraan akka itti gafatamuufdeemtan hubachiifna
Ka’i Qeerroo!!
Qabsoon Hanga galii isaa gahu Itti Fufa!
Qeerroo Bilisummaa
Caamsaa 9, 2014
Finfinnee

No comments:

Post a Comment