DIDDAA 2Haala Yeroo biyyattiin Keessa jirtuu fi Kasaaraa siyaasaa Mootummaa EPRDF mudatee jiru irratti Ibsa barsiisota Oromoo dhaabbilee bararnoota Olaanoo Yuunibarsiitota garaagaraa irratti maqaa walga’ii tarsiimoo Siyaasaa jechuun wayyaaneen walitti qabde irraa kenname.
  1. Sirni TPLF/EPRDF bulchiinsa Dimookiraasii Warraqaan kakatuu fi sirna Federaalizimii daheeffachuun yakka raawwatuun Impaayera Itophiyaa waggoota 23 oliif bitaa jiru, ummata guddaa biyyatti keessatti argamuu uummata Oromoo irratti yakka dugugginsa sanyii rawwaachaa as gahe. Sabaaf sablamoota biyyatti tapha siyaasaan ala godhee qoddanna angoo ala taasisuun fallaa federaliizimii fi dimookiraasii dhaabbatee, mirgoota siyaasaa, namummaa, amantaa, walgahuu, ijaaramuu fi kkf ugguraa fi dhiitaa jira.