Pages

Thursday, May 1, 2014

Breaking News:-Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti FDG finiinuu irratti argama. Wayyaaneen waraana Agaaziin Mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee marsee jira

Breaking News:-Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti FDG finiinuu irratti argama. Wayyaaneen waraana Agaaziin Mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee marsee jira

Caamsa 1, 2014 (Qeerroo) — Gaaffiin abbaa Biyyummaa jabaachuudhaan kan itti fufe Barattootni Oromoo Yuunivarsiitiilee keessaa sagalee isaanii dhageessisuu itti fufan. Haala kanaanis Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee baratan Yuunivarsiitii Finfinnee Kiiloo 6 keessatti walitti qabamuun sagalee isaanii dhageessisuu irratti argamu. Mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa Uummatni Oromoo gaafatu deebisuufii qaba malee ajjeesuu hin qabu jechuudhaan sagalee isaanii dhageessisaa jiran. Dhaadannoowwan garaa garaa Barattootni Yuunivarsiitii Finfinnee dhageessisaa jiran keessaa
  1. Mootummaan wayyaanee Garboomfataa dha
  2. Siidaan Minilik Haa buqqa’u
  3. Ilmaan Oromoo ajjeefamaniif wayyaaneen itti gaafatamummaa haa fudhatu
  4. Saaminsi lafaa haa dhaabbatu
  5. Sagaleen Oromoo haa dhagahamu
  6. Gumaa Gootawwan keenyaa ni baafanna
  7. Finfinneen handhuura Oromiyaati
Kanneen jedhanii fi kanneen biroo dhageessisuun hiriira jabaa gaggeessaa jiru. Mootummaan wayyaanee gaaffii abbaa biyyummaa finiinaa jirutti kan baarage waraana Agaazii bobbaasuudhaan ilmaan Oromoo fi Barattoota Oromoo reebuu irratti argama. Mootummaan waraana bobbaasuu irra gaaffii mirgaa kan bilisummaa fi Walabummaa osoo deebise isaaf salphata jechuun Qeerroon Yuunivarsiitii Finfinnee addeessuun Uummatni Oromoo bakka maraa ka’ee falma jabaa akka gaggeessu waamicha Oromummaa dabarsanii jiran.

No comments:

Post a Comment