OromiaALutaContinua2011FDG
Har’a Ebla 28/2014 Goototni Barattootn Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu FDG haalaan qindaa’aa ta’e dhoosuun hiriiraa nagaa guddaa mooraa Yuunibarsiitii Maattu irraa eegaluun dhaadannoowwaan hedduu qabachuu fi dhageesisuun yeroo amma kanatti gara Magaalaa Mattuutti deemaa jiru Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Maattuu har’a ganama sa:aatii 1:30 irraa eegaluun walitti qabamuun gaaffiin barattootni keenyaa Yuunibarsiitii Jimma, Harammayyaa, Amboo, fi Wallaggaa kaasan gaaffii keenyaa waliigalaa waan ta’eef deebii argachuu qaba jechuun iyyaannoo isaanii bulchiinsa Yuunibarsiitii Mattuutti galchachuun, hiriira guddaa kan barattoota dargaggoota Oromoo 5000 ol hirmaachiisee Godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu Yuunibarsiitii Mattuu keessatti gaggeeffachaa jiru gaaffiin barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu;
1Mirgii Uummata Oromoo haa kabajamuu.
2.Hidhamtootni Siyaasaa Oromoo haal duree tokko malee haa hiikaman,
3. Mirgii uummaanni Oromoo Magaalaa Finfinnee irraa qabu haa kabajamu
4. Barattootni Engineerotni Oromoo 11 balleessaa malee Yuunibarsiitii Mattuu irraa arii’ataman barnoota isaanitti haa deebifaman, qaamni Oromoo barnoota irraa ittisuu mootummaan abbaa irree nu hin bulchu.
5. Magaalaan Finfinnee bulchiinsa Oromiyaa jalatti galuu qabdi.
6. Barattoota Oromoo hidhuun, barnoota irraa arii’uun, Ajjessun, doorsisuun, nurraa dhaabbachuu qaba.
7. Mirgii hiree murteeffannaa uummata Oromoo kabajamuu qaba.
8. Mirgii Namummaa fi Dimookiraasii uummataa keenyaa irraa sarbamee waan jiruuf uummataa keenyaafi nuuf kabajamuu qaba.
9. Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi Naqamtee gaaffii mirgaa fi dimookiraasii waan gaafataniif mootummaan humna waraanaa of harkaa qabu waraana agaazii fi Poolisaa federaalaa itti bobbaasuun tarkaanfiin ukkamsanii hidhuu, reebichii, daraaraan suukanneessa irra gahaa jira, gochaan farraa dimookiraasii fi shororkeessii kun nurraa dhaabbachuu qaba kanneen jedhan dhiyeeffachuun yeroo ammaa kanatti FDG fi hiriiraa nagaa gaggeessa jiru.
Sochii warraaqsaa FDG gaggeeffamaa jiru dhaamsuuf humna waraanaa fi tikaa qabatee akkuma oliif gadii fiiguun magaalaa Naqemtee seenee goototni barattootni Oromoo FDG dura dhaabbattan, Muktaar Kaadir kaleessa galgala Magaalaa Mattuu akkuma seenee Har;a ganama kunoo goototni dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu FDG guddaa irratti dhoosuun, sagalee mormii abbaa irree jabaa dhageesisuun mirga uummataa Oromoo kabachiisuuf hiriira gaggeessa jiru, Mootummaan abbaa irree akkuma amala isa humnaa waraanaa kora bittinneessa jedhamuu fi poolisaa federaalaa gara barattootatti bobbaasaa jira, gabaasaan kun itti fufua..
Injifannoon Ummata Oromoof!
Ebla 28/2014
Mattuu.