OromiaALutaContinua2011FDGEbla 22/2014 FDG Gootota Dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimman eegalame jabaatee itti fufe jira,Qeerroon Barattootni Oromoo gaaffii dhugaa fi sirrii karaa nagaan dhiyeeffanneef waraannii, hidhaan, dararaan fi doorsifnii deebii ta’uu hin danda’u jechuun FDG itti fufee jira. haaluma kanaan dargaggootni Barattootni oromoo Yuunibarsiitii Jimma ibsa dabarfachuun fincila diddaa garbummaa haalaan jabeessuun itti fufani jiru: Nuti Dargaggootni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma Gaaffii mirgaa rakkoo uummata keenya karaa nagaa fi Dimookiraasii gaafanneef:
  1. Deebiin gaaffii keenya humna warraanaa fi poolisa nuti bobbaasuun ukkamsaa, hidhaa, reebicha, ajjeechaa fi doorsifni deebii hin tauu; gaaffii mirgaas dhaabuu akka hin dandeenye ni hubachiifna.
  2. Gaaffii karaa Mirgaa fi Dimookiraasii gaafanneef barattootni keenya hidhaman nuuf haa hiikaman. Kanneen doorsifamaa jiran irraa doorsifnii dhaabbachuu qaba. Barattoota poolisaa Federaalaa fi waraanaan reebamaniif beenyaan kanfalamuu qaba.
  3. Mootummaan ani uummatatu na filatee jedhu tokkoo yeroo uummaanni barbaadetti uummata gidduutti argamuun gaaffii uummataa fuudhee deebii deebisuun dirqama waan taeef gaaffii keenyaaf mootummaan naannoo Oromiyaa argamee deebii akka nuuf kennu gaafanna.( yoo kana hin fudhannee abbaa irree, fi shororkeessaa) tauu isaa ofiin raga of irratti bahaa jiraachuu ni hubachiifna.
  4. Mootummaan EPRDF amma angoo qabatee jiru afaaniin ani dimookiraatawaadha jechaa gaaffii mirgaa ilmaan Oromoo fi lammiilee biyyattif humna waraanatti fayyadamuun hidhaa, reebichaa, ajjeechaa fi dararaa akka deebiitti fudhate deebisa jiru, yakka kanaaf seera addunya fulduratti nuuf dhiyaachuu qaba.
  5. Oromummaa keenyaan arrabsamuu, xiqqeeffamuu fi tuffatamuun gochaa diinummaa nafxanyoota fi ilmaan nafxanyaa tauu ni hubanna, ammas ilmaan naafxanyaa nu arrabsa jiranii fi manni maxxansa naafxanyoota kan akka hinquu atattaman nurra cufamuu qabu, seerattis dhiyaachuu qabu.
  6. Adeemsii Magaalota Oromiyaa Federaala jala galchuu fi magaalaawwaan nannaawaa Finfinnee, Finfinnee jala galchuuf maqaa plan guddina magaalaa jedhuun ololamu nurraa dhaabbachuu qaba.
  7. Magaalaan Finfinnee mataan isheetu kan uummata Oromoo waan taeef bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa jala galuu qabdi. Uummaanni keenyas tajajila barbaachisu haalduree tokko malee irraa argachuu qaba.
Walumaagalatti Gaaffii keenyaaf deebiin dhugaa fi sirriin hanga nuuf kennamutti Gaaffiin keenya itti fufa, guyyaa hara Ebla 22/2014 irraa eegaluun Nuti dargaggootni barattootni Oromoo hanga gaaffiin keenya deebii argatutti, hanga barattootni keenya hidhaman hiikamanitti, hanga doorsiifni nurraa dhaabatuttii fi hanga Humni poolisii Federaalaa Fi Waraanaa Mooraa Yuunibarsiitii gadhiisee bahutti barnoota fi Nyaataa dhaabuun diddaa keenya itti fufnee jirra
Injifannoon U/Oromoof!.