Pages

Tuesday, April 8, 2014

Alagaan alagumaa ,maaltu alagaadhan fira jedhee

NU SIMATAN SEENE,N ISAANOO NU HIMATAN
Mootummaa wayyaaneen hundumaa caalaa sirna gabroomfataa,abbaa irree, duulaa duguuggaa sanyii,dhiiga namaa dhugee,lafee namaa qorkee sirnoota gochaa suukaneessa raawwatan bulchiinsa ilmaan Habeshaa hanga ammaatti turan hunda caalaa sirrna cunqursaa gita qabne geggessu ta’uun isaa kinoo raga qabatamaa waliin!
Akkuma ummanni Oromoo bal’aa fi haqni murtoon hundumaa beekuu akka addunyaa kanatti gochaa suukaneessan akka Harma muraa fi Harka muraan abboolee AANOLEE irraatti geggeffamee eessumaa jiru.sirni gabroomfataan ilmaan Habeshaa gocha akkanaa kanatti kan hi gaddineefi dhiifama hin gaaffanne ,dhiifama gaafachuun hafee irra deebi’ee gochaa duguuggaa sanyii addunyaa kanarra hin jirree yeroon inni kutaa 2ffaa isaa itti eegalee ta’uu waliin waanuma beeknuu fi amma harkaa qabnu gurraan dhagaa,ijaan argaa jirruu kanaadha.Kuni kanaan ta’ee inni hundumaa caaluu fi guddoo humnaa ol nama aarsee dhiiga nama boochisu seenaa suukaneessaa fi farra gurraacha kana ittin of ijaaruuf kara dabarsuu isaat.
maallaqatti jijjirratee,dhaloota har’a haftee gochaa mataa hadhoochu kana seenaa dogoggoran malee buusee gumaa ilmaan haqaaf kufan kana gatii dhoowwuu isaati.Lukkeen wayyaanee immoo gita bittoota Habeshaa hundumaa ol farraa ilmaan OROMOO FI OROMIYAA ta’uu isaan nama dhagahu danda’an hunda dhageessisee darbuun fedha.Seenaa bareedaa kana hojii koo jedhanii yeroo karaa dabarsanii dantaa mataa isaaniif gabaasanii dhiiga dhiigatti lafee lafeetti foon foonitti qoqqoddatnii gurguratan dhiigni Harna Haadhoolee fi Harka muraan Abboolee AANOLEE ragaa hundaa oliti.
OPDOn seenaa kana adda durmatti fudhattee bu’aa dhaaba isaani,akka dhaaba hedhatee wareeggama kana baasee waan har’a Oromoon arge kana fideetti sa’aa 24 olitti hanga sagalee gurraa namaa miidhutti iyyaa ooltee buluun ishee wanna ishee leellisiisuu osoo hin taane waan ishee qaanessuu ta’uu ishee ofirraatti baruu dadhabuun ishee immoo dogoggora seenaa lammatatii.jundumaa caalaa waaree salphinaa ishee galcha.kana bu’ura gochuun kabaja dhaabbata isaani kan godhatan SIIDAA AANOLEE hedduu hawaasa Oromoo gaddiseera. Mee rakkoo eebbaa Siidaa AANOLEE kanarratti ta’ee rakkoo qabatamaa fi aanolee 2ffaa jedhamee waamumu sin biraan gahee haa darbu.
Dargaggoonni seenaa dhugaa dhaale,kutannoo fi murannoo onneerraa madden shira diinaa hubatanii ilmaan Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaaf boqonnaa hin qabne seenaan bu’ura hundaa ta’uu isaa warri adda durummaan beekaan Yaaddannoo wareeggamtoota haadhoo fi abbooleef jecha Adaamarraa hanga Aanoleetti taasisaniin km 66 miilaan(lafoo) deemanii Mootummaan wayyaanee mana hidhaa galchuun isaa seenaa Aanolee lammatati.waan dhiiga nama boochisu gochaan suukaneessaa kana olii hin jiru.deemsa kana taasisan dargaggoota 120 ta’u.  Kanneen keessaa durboota 17 turan kunneen deemsa km 9 duwwaan yemmuu hafu bulchiinsa magaalaa Heexosaa aanaa Heexosaa Itayyaatti qabanii kaayyoo mana bahaniif miilan lafoo osoo miilli dhiiguu akka achi geenye gochuun mootummaan wayyaane seenaa yoomuu hin dagatamne raawwatee jira. Kanneen keessa dargooggonni 20 isaan ejjennoo fi kaayyoo walfakkaataa qaban karaa qaxxaamuraa deemuun mana hidhaas ta’u lafa Aanolee jedhamu sanarratti hidhamanii buluun illeen waan nama boonsuudha.
walumaa galatti gochaa baay’ee nama gaddisiisuu ilmaan seenaa dhugaaf miilan kiiloomeetira 66(66km) deeman ilaalcha addaa qabdan jedhee hidhuun isaa mootummaa wayyaanee umurii isaa gabaabsa malee ,shira isaa saaxila malee,akka isa hin jejne ta’uu isaa dargaggooni manaa bahan kuni nuuf haarawaa miti duras beekne manaa bane jedhanii guddaa ofitti gammadaniiru.
Kanneen keessa wanni guddaa ana gaddisiise Durbeen takka kophee(caammaa) malee fageenya waa kanaa deemuun ishee wareeggama eenyummaa isheef baastee waan ishee jechisiisuudha namoonni naannoo sanaa rakkoo nurra gaheef hedduu gadduu isaani hamilee yoomuu nu ijaaruu ,keessattuu maanguddoon yoo xinnaatee umurii 70 tana nu ilaalani imimmaan qabachuu dadhabanii booyanii nu boochisuu isaani daraan gabroomfataa onneen nu kaase.
Alagaan alagumaa ,maaltu alagaadhan fira jedhee
Wayyaaneen wayyaanuma akkamitti miilana dogoggorree waan gaarii hojeta jenne kan manaa bane hedduu nu gaddisiisuus FDG Geggesinetti hedduu gammaneerra.
Rakkoon akka dhuunfatti karaatti argine immoo waan dubbatamee dhumuu miti beelaa fi dhebsuun deemuu dadhabuun namni nu harkatti laafee dadhabaan dadhabaa baatee kaayyoo gahuu jechuun waan addaati, mana hidhaatti tooftaan(muudiin) hidhamuun,durba dhiirrii poolisiin wayyaanee sadii ta’ee nama takkitti geessuun muudannoo turan keessaa isaan muraasa. walumaa galatti isaan akkatti nu eeganii fi sodaan isaan qaban akka irraa dubbisnetti nama rokkeetti garaatti liqimsee dhufee malee nama biyya keessaa nama ta’ee dhufeetti nun tilmaane bilbillii fi waraqaan eenyummaa dhaabbatatti kan nurraa guuramee yemmuu ta’uu silaa waraabbii gochichaa siniif dhiyeesina ture.
GADAAN GADAA BILISUMMAATI

No comments:

Post a Comment