Ebla 23,2014 Gabaasa Qeerroo Jimmaa
24 02 14 10 40
Milishoota Wayyaanee Jimma
Ebla 22/2014 Bulchiinsi Yuunibarsiitiin Jimmaa gochaa fashistummaa fi diinummaa barattoota Oromoo irratti rawwachaa akka jiru Qeerroon mooricha irraa gabaasa. Bulchiinsi Mooraa Yuuniversitii Jimmaa Beeksisa Ebla 22/2014 waaree boodaatti biiroo Dean Barattootatti barbaadamtu jechuun baase irratti barattoota Oromoo 6 gara waajjirichaatti waamaman, Barattootni akkuma dhaqanitti  biirootti olgalchuun hanga galgala keessa sa’aa 12:30tti doorsisaa turuun dhumarratti poolisa federalaan qabamani wajjira poolisaa magaalaa Jimmaa ganda 05 Awweetuu mandaraatti geessuun hidhani jiru. Barattootni Oromoo balleessa tokko utuu hin qabaatiin seeraa discipline committeetu isin waame jechuun ilmaan Oromoo nagaa ukkamsuun hidhatti galchuun har’a yakka hin jirree uummata keenyaa fi beektota barattoota keenya irratti dalagama jira. Barattootni amma haala kanaan kaleessa galgala qabaman.
1. Barataa Falmataa Bayechaa, mummee medicine waggaa 5ffaa
2. Barataa Galaanaa Ababaa, mummee Governance and Developmental studies waggaa3ffaa
3. Barataaa Gadaa Darajjee, mummee Governance and Developmental studies waggaa 3ffaa
4. Barataa Zabbanaa Barasaa, Mummee Afaan Oromoo folklore waggaa 3ffaa
5. Barataa Israa’eel Haptamuu, mummee barataa Educational planning
6. Huseen  , muummee Information Technology (IT) waggaa 3ffaa barachaa warreen jiran maqaa seeraa ala gaaffii gaafatan, fi ajaja poolisii mooraa Yuuniversiitii Jimma humna tikaa wayyaanee ergama diinummaa ilmaan Oromoo irratti baate kan jiru Kalid Abbaa Tamaam reebdan jechuun sobaan yakkamanii kan hidhaman ta’uun beekame jira.
Gochaan yeroo yeroo’n barattoota Oromoo yuunibarsiitii Jimmaa irratti ergamtee bultootni wayyaanee gaggeessa jiran kun daran barattoota Oromoo qabsoof onnachiisuun gabaafamera. kanumaan walqabatee adeemsii baruu fi barsiisuus mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti dhaabbatee jira/addan citee jira.