Ebla 21,2014 Gabaasa  Qeerroo Jimmaa

BilisummaaGaaffii Mirgaaf Deebii Hidhaa fi Ajjeechaa Keennuun aadaa Mootota Itiyophiyaati
  1.  Barataa Abdii Turaa mummee Seeraa waggaa 5ffaa mooraa Main Cumpass irraa,
  2. Barataa Moo’iiboon Baqqalaa , mummee health officer waggaa 2ffaa ”           ”
  3. Barataa Leejjisaa Alamayyoo muummee  water and environmental resource engineering waggaa 3ffaa  mooraa Saayinsii fi Technology kittoo irraa
  4. Barataa  keenediin Mummee Civili Engineering waggaa 3ffaa         ”                        ”
  5. Barataa Darragaa Abdiisaa , mummee civil Engineering waggaa 3ffaa    ”’             ”’
  6. Barataa  Dhabasaa Jaatamaa, mummee veterinary medicine waggaa 6ffaa mooraa Agriculture irraa.
Kanneen jedhanii fi barattooti lakkoofsaa 12 ta’an kaan humnaan diqisifamanii qabamuun Wajjiira Poolisii Magaalaa Jimma ganda o5 (Awweetuu Mandaraatti) hidhaman keessatti argamu.
Ebla 19–21/2014tti Waraannii fi Poolisiin Federaalaa Wayyaanees barattoota Oromoo karaa nagaa gaaffii mirgaa gaafatan humnaan mooraa yuunibarsiitii Seenuun gooluu fi konkolaataan ukkamsee hidhatti guuruu irratti argama, barattootni heddunis humna kanaan reebamanii akka malee midhamuun hospitalaa galuun gabaafamera, Barattoota hedduu humnaan ukkanfamanii qabamanii hidhaman keessa muraasa maqaan nu qaqqabee jiru:
Goototni Qeerroon dargaggoonni barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa gaaffii mirgaa karaa nagaan Gaafataniif Mootummaan abbaa irree Wayyaanee humna waraanaa fi humna poolisa Federaalaa mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa arfan(kolleejjii Saayinsii fi Technology , Kolleejjii Qonnaa, Kolleejjii Economics and Business fi Mooraa main Campass Jimmaa)  galchuun barattoota karaa nagaa gaaffii mirgaa gaafatan goolaa jira, Diddaan barattoota Oromoo Yuunibarsiitii  Jimmaa humna Waraanaa fi Poolisoota Federaalaan dhaabbachuu hin dandeenye, guyyaa kaleessaa illee baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Gaaffii keenyaaf deebiin nuf haa kennamu, hidhaa reebichi, barnoota irraa arii’amuun, humna waraanaa fi poolisa federaalaan dararaan nurraa dhaabbachuu qaba akeekni kun gaaffii uummataa dhaabuu hin danda’u jechuun sagalee isanii dhageesisuun itti fufee jira.
Gaaffiin keenya deebii argachuu qaba, barattootni nagaan seeraan ala qabaman kun hatattamaan hiikamuu qabu jechuun Goototni barattootni oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa diddaa isaanii itti fufani jiru.