Pages

Sunday, March 23, 2014

(Oromedia, 23 Bitootessa 2014)Hawaasti Oromoo fi Ogaaden Afriikaa Kibba magaalaa Jouhanisbargi keessa jiraatan hirira mormii Bitootessa 18, 2014 gaggeessaniin gochaa dhiittaa mirga namoomaa Itoophiyaa keessatt raaawwatamaa jiru balaaleffatan.
photo (33)Raadiyoon Sagalee Oromoo akka gbaasetti, akeekni hiriirichaa dhiittaan mirga namoomaa biyya Itoophiyaa keessatti dhoksaadhaan raawwatamaa jiru akak addunyaatti beekamu gochuu fi gocha sanas balaaleffachuudha.
Gaafatamaan Waldaa Hawaasa Oromoo Afrikaa Kibbaa, Ob Abdurahamaan , akka ibsanitti, hawaasti Oromoo fi Ogaadeen gamtaadhaan bahanii gochaa mootummaan Itoophiyaa balaaleffataniiru.
photo (32)“Mootummaan Itoophiyaa yeroo irraa gara yerootti dhiittaa mirga namoomaa geessisu bal’isaa jira,” kan jedhan dura taa’aan waldaa hawaasa Oromoo Afrikaa Kibbaa, hiriira mormii magaalaa Jouhanisbergi keessatti gaggeeffame irratti hawaasa Oromoo fi Ogaadeen irraa namooti gara 400 akka hiramamtan beeksisaniiru.
Hiriira mormii kun kan xiyyeeffate,  walgahii guyyaa hundeeffama Pan-African Parliament kan mootummoonni Afriikaa 54  irratti gochaa dhokataa mootummaa Itoophiyaa saaxiluu yoo ta’u, “Itoophiyaan biyya gourraachaa ummata Oromoo koloneeffatteedha!” dhaadannoo jedhus qabatanii bahuun isaaniis beekameera.
photo (29)Hawaasti kunneen Afirikaa kibbaa magaalaa Johannesburg bakka Midrand  jedhamutti walghanii, hriira mormii godhaniin yakka mootummaan Itoophiyaa ummata Oromoo fi Ogaadeen irratti raawwatu  balaaleffataniiru.
Akka  dura taa’aan waldaa hawaasa Oromoo nuu himetti, gara fuulduraattis gochaa mirga dhala namoomaa irratti raawwatamu saaxiluu fi sagalee ummata Oromoo addunyaatti beeksisuu irratti akka hojjatan dabalanii dhaamaniiru.

No comments:

Post a Comment