Pages

Sunday, March 23, 2014

Artisti Almaaz Tafarraa Boqotte(1957-2014)

(Oromedia, 23 Bitootessa 2014) Dhukkuba kaansarii dhiigaan dhukkubsattee yaalamaa kan turte, Artisti Almaaz Tafarraa  Bitootess 22, 2014 addunyaa kana irraa du’aan boqochuun ishee beekame.
Art. Almaaz Tafarraa (1957-2014)
Art. Almaaz Tafarraa (1957-2014)
Bara jireenya ishii aartii fi Afaan Oromoo guddisuu irratti gahee guddaa kan gumaachaa turte artisti Alamaaz Tafarraa, addunyaa kana irraa kan dabarte hospitaala Poolisii Finfinnee keessatti otuu wal’aanamaa jirtu ta’uu oduun nu gahe addeesse jira.
Akka odeeffannoo argannetti, sirni awwaalchi ishe Duilbata- Bitootessa 23, 2014 waaree booda saatii 4:00  irrati magaalaa Harar keessatti akka ta’u beekameera.
Bara 1957 Oromiyaa Bahaa, Harargee Lixaa, Aanaa Doobbaatti kan dhalatte Artisti Almaaz Tafarraa,  sirba ishii duraa bara 1983  kaasettaan baafte. Yeroo sanaa eegalees haga dhukkubsattee waltajjii irraa haftetti kaassettoota sirbaa sagal baaftee ummataaf  gumaachitee jirti.
Akka seenaa artistoota Oromoo keessaa hubatamutti, artisti Almaaz Tafarraa miseensa baandii Afran Qalloo turte. Sirboota sirbaa turteenis ummta Oromoo biraa jaalalaa fi kabajaa guddaa yeroo argattu, humnoota guddinaa fi dagaagina aadaa fi eenyummaa Oromoo jibbaniin immoo hedduu dararamaa fi miidhamaa akka turte seenaan ishii kan ragaa bahuudha.
Bara 2014 keessa hedduu waan dhukkubsatteef mana yaalaatti deddeebi’aa kan turte, Artisti Alamaaz, deeggarsa ummataan wal’aansa adda addaa Harar irraa gara Finfinneetti deddeebitee fudhachaa akka turte beekameera.
Sirbooti Artisti Almaaz Tafarraa kan yeroo fi barri ittii hin darbinee fi kan dhalootaa dhalootatti barayyuu yaadatamuu dha.
Akka qormaata Oromediaatti, Artisti Almaaz Tafarraa hojii boonsaa aartii Oromoo keessatti gara waggoota 40f dalagneen dhaloota dhalootatti kan yaadatamuudha.
Kan malees, hojii boonsaa yeroo hamtuu fi sodaachisaa keessa ifatti baatee dalagdeen  galmee sabboontotaa fi gootota Oromoo Oromummaa jiraachisan keessatti kan ramadamtuudha.
Kanaan dura oduu karaa Oromedia darbee tureen, sabboontoti Oromoo biyya Jarmanii, biyya Ameerikaa fi Sa’udi Arabiyaa qunnamtii karaa Oromedia argataniin gargaarsa maallaqaatiin birmatanii akka wal’aansa gahaa argattu godhan iyyuu, Artisti Almaaz Tafarraa dhukkubicha irra hafuu hin dandenye.
Akka Artisti Alamaaz Tafarraa akka fayyituu fi dhintu kanneen dhuunfaanis ta’ee gamtaan gumaachitan maraaf seenaan isin yaadata jechaa,  Rabbi Isin haa jajjabeeysu jenna.
Gareen Oromedia du’aan adunyaa kana irraa boqochuu artistii fi qabsooftu Almaaz Tafarraatin gadda nuuti dhagahamee ibsaa, lubbuun isaanii Waaqin akka qananiisuuf yeroo kadhannu,  firootaa fi hiriyyoota ishii akkasums mararfatootta ishiif jajjabin isinif haa kennu jenna.
 Seenaa Artist Almaaz Tafarraa
Bara 1957 Aanaa Doobbaatti keessatti dhalatte.
Bara 1973 Hawwisoo poolisii Harar seente.
Bra 1983 kaassetta duraa baafte.
Bitootessa 22, 2014 addunyaa kana irraa boqotte.

No comments:

Post a Comment