Pages

Tuesday, March 18, 2014

“Badanii of Barbaaduu Jalaa Nu Haa Baraaru”

“Badanii of Barbaaduu Jalaa Nu Haa Baraaru”

Guyyaan Dubartoota Adunyaa, Bitootessa 8, 2014, magaalaa guddittii Ameerikaa, Washington, D.C. keessatti sirna hoo’aadhaan kabajameera. Presidaantiin Ijaarsa Dubartoota Oromoo Adunyaa (IDOA), Adde Dinqinash Dheeressaa, guyyaa kana ilaalchisanii hawaasa sirna kana irratti argameef seenaa, kaayyoo fi karoora dhaabichaa ibsa bal’aa kennaniiru.
Kaayyoon dhaaba kanaa hawaasni Oromoo adunyaa mara irra jiraatan hundi ilmaan isaanii afaanii fi aadaa isaanii akka hin dagatne barsiisuu dha. Adde Dinqinash “badanii of barbaaduu jalaa nu ha baraaru (oolchu)” idda jedhanii booda, obbolaan lama lammii Ameerikaa kan ta’an barbbadanii kan of argatan lammii isaanii isa haaraa, hawaasa Oromoo Washington, D.C., saganticha irratti argamaniin wal barsiisaniiru.
Namootni lameen kun akaakileen isaanii dur Oromiyaa irraa biyya Ameerikaa akka dhufan, hundee fi bakka dhufaatii isaanii baruuf jecha Africa keessa biyyoota kudha shan akka dhaqanii fi dhuma irratti 99.6% Oromoo ta’uu DNAn isaanii akka mirkaneesse hawaasa saganticha irratti argameef ibsaniiru. Lammii keenya kana keessaa isaan tokko maatii Oromoo tokko waliin akka wal quunnamanii fi biyya isaanii haaraa kan taate dhaqanii Oromiyaa mara naannayanii akka ilaalanii fi gammachuu guddaas akka irraa argatan haasaa gabaabaa godhaniiru. Maatiin Oromoo kunis konkolaataa geejibaa, nama afaan hiiku fi bakka bulan waan isaaniif mijeessaniif galata galfataniiru.
Waanti lammii keenya durii mudate kun Oromoo jabana kanaas akka hin mudatne fi badanii of barbaaduu akka hin dhaqneef malli isaa afaan fi aadaa Oromoo bakka jirru maratti barachuu akka ta’e Adde Dinqinash akeekkachiisaniiru. Ijaarsi Dubartoota Oromoo Adunyaa gama isaatiin akka qophaayee jiru hawaasa Oromoo Washington, D.C., Virginia fi Maryland iraa dhufee wal-gayii kana irratti argameef ibsaniiru.
Ijaarsa Dubartoota Oromoo Adunyaa warra bu’ureesssaniif immoo itti gaafatamtuun dubartoota Oromoo Washington, D.C., Adde Zannabach Gurmeessaatiin waraqaan ragaa kennameeraaf.
Adde Zannabach haasaa godhan irratti, “Dhiira jabaa bira dubartii jabduutu jira. Jeneraal Taaddasa Birruu, Jeneraal Waaqoo Guutuu, Rev. Guddinaa Tumsaa fi gootota keenya warra kaan biras haadha warraa isaanii jajjabootu jira. Garuu, dubartoota waan ta’aniif qofa takkaa maqaan isaanii illee ka’ee hin beeku” jedhanii komii qaban haasaa isaanii keessatti ibsaniiru. Itti dabalaniis, qabsoo bilisummaa Oromoo keessattis taanaan dubartootni Oromoo kallattiidhaan lolaa akka turanii fi ammas akka lolaa jiran akka fakkeenyaatti Ajjaamee Argaawu Dinqaa, Ayyaantuu Oromiyaa, Aslii Oromoo, Urjii Dhaabaa fi kkf. gootota heddu akka qabnu ibsaniiru. Kanaafuu, dhiirri Oromoo wal-gayii yeroo dhaqu dubartoota manatti dhiisee akka hin bane fi aadaa boodatti hafaa ta’e hambisuu akka qabnu akeekkachiisaniiru.
Shamarran  uccuu aadaa Oromoo uffatanii bareedina aadaa keenyaa agarsiisuudhaan sagantichi akka miidhagu godhaniiru.
Gara biraan immoo, dubartoota Oromoo biyyaa dhufan afaan biyya keessa qubatanii sana sirnaan waan hin beekneef, ijoollee isaanii wajjin wal hubachuun rakkisaa akka ta’e shamarran draamaadhaan ummata hubachiisaniiru. Akkasumas, teeknooloojii jabanaa kan akka Interneetaa, Facebook fi kkf. ti gargaaramuuf fedhii akka qaban, garuu afaan waan hin beekneef jechoota teeknoolojiitti gargaaramuun isaan rakkisaa akka jiru shammarran haadholii isaanii hakkeessuun draamaa bohaarsaa qopheessanii ummata bashannansiisaniiru.
Dubree Ayyaantuu Fiqaaduu fi Adde Yaadii Kabaa immoo dhimma hawaasaa irratti walaloo barnoota kennu dhiyeessaniiru. Sagantichas jalqabaa amma dhumaati kan gaggeessite Adde Yaadii Kabaa ti.
Dhuma irratti mariin dubartootaa fi dhiirota walgayicha irratti argaman waliin idda gaggeeffamee booda, lameenuu ba’aa guddaa isaan irra jiru wal-hubachiisuudhaan furmaatni jiru wal-gargaaranii hojjachuudhaan ba’aa of irraa buusuu akka ta’e walii galaniiru.

No comments:

Post a Comment