Pages

Friday, March 14, 2014

Barreeffama Obboo Juneddii Saaddoorratti dhiyaate

Barreeffama Obboo Juneddii Saaddoorratti dhiyaate

Abdii Boruutiin*
Waayee Juneddii Saaddoo ilaalchisee, gaafiin dhiyoo kana akka mata duretti ka’e “Ob. Juneddii Saaddoo eenyu?” kan jedhu gara gaafii biraatti ce’ee “Obboo Abdii Boruu eenyu?” kan jedhutti waan deemu fakkaata. Namni tokko yoo ofjaju waan irraa hin miidhagneef, Abdii Boruu nama akkanaa ti jedhee of beeksisuun gaarii waan hin taaneef, eenyummaa koo warri qaamaan na beekani fi nama akkamii akkan ta’e warri sirriitti hubatan ragaa bahuu danda’u. Amanamus amanamuu baatus, fudhatamus fudhatamuu dhiisus, waan tokko garuu ifa godhuun barbaada. Ani waayeen uummata Oromoo yoo ka’u, boqonnaa fi hirriiba akka na dhoowwu (na dhoorku) nama otuu hin taane Waaqayyo/Rabbi tu beeka. Barruuleen ani hanga har’aatti dhiyeessaa ture hundi isaaniituu qulqullina yaadaa qabu jechuullee baadhu, waan Oromoo addaan fageessan; waan tokkummaa ilmaan Oromoo laaffisan waan of keessaa qaban natti hin fakkaatu. Haa ta’u malee madaala kana dubbistoota fi hordoftoota barruulee kiyyaatiif dhiisuun fedha.
Barreeffama, mata duree “Obboo Juneeddii Saaddoo gara uummata isaatti deebi’uuf fedhii fi carraa qabaa?” jedhuun dhiyeesse irratti qeeqni natti heddoomuu bira dabree; eenyummaa (namummaa) kiyyallee gaafii keessa waan galche fakkaata. Fakkeenyaaf, namootni tokko tokko, akka waan ani deeggaraa OPDO ta’eetti; akka ani Juneddii wajjin ganda tokko ta’ee, gandummaan natti dhagayamee, isa ittisuuf yaalii godhuutti; akka ani miidhaa uummata keenyarra gaye fi gayaas jiru akka salphaatti fudhadheetti; akka waan ani Juneddii dhaaf uummata keenya dhiifama kadhadheetti; akka ani boqonnaa sammuu isaaf hawwetti; akka badii namtichi kun (Juneddiin) uummata keenyarraan gahe xiqqeessee ilaaletti,… hubatamee; keessumaayuu ammoo akka anis Juneddii ta’ee gadi baheetti, takkitumaan mooraa biraa keessa na galchuuf yaalii akka godhanan hubadhe. Yoon barreeffama sana qopheessu, dhimma kana karaa tokkoon qofaa ilaalee, haphinaan ibsuun koo dogoggora yaadaa ta’uu mala. Namootni yaada kiyya karaa biraatiin hubachuu danda’u. Yaada mormaa fi faallessaas qabaachuunis waanuma jiru dha.
Haa ta’u malee, dhimma tokko ibsuurratti yaadni mormisiisaan yoo ka’u, kun marii keessatti waanuma jiru dha. Garuu wannumti tokko karaarraa goreef, eenyummaa namaa gaafii keessa galchuu fi maqaa namaas xureessuun sirrii natti hin fakkaatu. Yoo balleessi jiraate, abbaan fedheeyyuu qeeqamuu akka qabu nan amana. Takkitumaan lafaa ka’anii fira diina godhuun; adii gurraacha godhuun waan fudhatama hin qabnee dha. Mee waan namootni jedhan kanatti deebi’ee waan tokko tokko ibsuun yaala.
Tokkoffaa, ani deeggaraa OPDO ta’uun hafee jiraachuumti jaarmayaa kanaatuu, akka dhaaba maxxannee tokkootti,  meeshaa alagaa waan ta’eef, kun kan uummata keenya (uummata Oromoo) gabrummaa keessa tursiisan keessa isa tokko fi guddaa akka ta’en amana.
Lammaffaa, ani gandi ani itti dhaladhee guddadhe, akka teessoo lafaattuu, kan Juneddiirraa baay’ee fagoo dha. Otuma ganda tokkoo taanee, ani nama gandummaa fi naanummaatti amanu waanan hin taaneef, amala fi ilaalcha kiyya wajjinuu hin deemu. Nama akkasii akkan hin taane ammoo, warri sirriitti na beekan ibsuu danda’u. Gandummaa fi naanummaadhaan akkan mormus; akkan waayee kan dura dhaabbdhu, barruuleen ani dhiyeessaa turellee ragaa ta’uu danda’u.
Ani waayee uummata Oromoorratti yaada kiyya barreessuu fi marsaalee intarneetaa irratti dhiyeessuu qofaa otuu hin taane, hawaasa Oromoo keessattillee, nama gara hogganummaatiin tajaajila guddaa kennaa ture fi bu’aa gaariis argamsiise dha. Hawaasa Oromoo keessatti, nama akkamii akkan ta’e; hangam akkan tokkummaa ilaan Oromootiif quuqamu; hangam akkan gandummaa dhaan walqoqqooduu jibbu, namootni ragaa bahuu danda’u. Kanaaf, gandummaadhaan maqaan kiyya xuraayuu hin qabu.
Sadaffaa, badii Juneddii Saaddoo fi kan akka isaa uummata Oromoo irraan gayan, ilma Oromoo saba ofiitiif quuqamu dhiisii, abban fedheeyyuu xiqqeessee ilaaluu hin danda’u. Akkamitti xiqqaatee ilaalmuus danda’a? Kan du’e du’us haadholeen ijoolee Oromoo, kan Juneddiin diinaan ficcisiise, har’allee imimmaan isaanii dhangalaasaa jiraa bar! Imimmaan kun yoomiyyuu akka irraa hin qoorre dagatamuu hin qabu. Akkamittan seenaa badaa kana dagadhee; namticha kanaaf (Juneddiif) morma? Akkamittan dhiifamni haa godhamuuf jedhee uummta keenya kana gaafadha?
Barreeffama kiyya kan mormii kaasise fi qeeqa heddoomse sana keessatti, yaadni ani ibsuu barbaade karaa tokkoon qofa waan ilaalameef; ibsi isaatis waan haphateef, xinnoo afaanfaajjii uumee jira jedheen yaada. Wantin ani achitti ibsuu barbaade garuu, akka namootni tokko tokko yaadani fi na qeeqan otuu hin taane, dhugumatti kaayyoon barreeffama sanaa maaliif namticha kanatti (Juneddiitti) hin fayyadamne; maaliif akka inni gadi bayee badii uummata keenyarratti dalagaa ture sana himee; warri hafan akka irraa baratan hin goone jechuuf ture. Kana jechuun ammoo, innis salpaadhumatti uummata dhiifama gaafatee haa hafu jechuus miti. Dhugumatti boqonnaa sammuus isaaf hawweetii miti. Innumtuu boqonnaa sammuu isaatiif jedhee gadi bayee yoo kan dubbatu ta’e, kun nuuf carraa dha jechuun barbaade; carraa nuti ittifayyadamuu dandeenyu jechuu kooti. Asirratti wanti hubatamuu qabu, otuma namtichi kun gadi bayee dhiifama gaafateyuu, tokkoffaa, kan murteessu uummata bal’aa Oromoo ti. Lammaffaa, dhiifama gaafateef seenaan isaa ni qulqullaaya jechuu miti.
Dhugaa dha, namni dogoggora ofii beekee, kanaafis dhiifama jechuun beekumsa fi aadaa gaarii waan ta’eef, akka barreessaa fi akkasumas ilma Oromoo tokkootti, barreeffama sana keessatti, dhimma kana karaa biraatiin otuu hin ilaalinii fi hin hubatin (karaa tokkoon qofaa ilaaluudhaan jechuu koo ti) jechoota mormisiisaa ta’anitti fayyadamuu kootiif dubbistoota fi uummata kiyyas dhiifama gaafachuun barbaada. Haa ta’u malee, qabxiileen achitti kaase sana hanga danda’ame irra deebi’ee hubachiisuun fedha.
A)   Juneddiin gadi bayee dubbachuudhaan mootummaa Wayyaanee haa saaxilu yoon jedhu, ammas irran deebi’a, namootni hafani fi kan Wayyaanee tajaajilaa jiran akka irraa barataniif malee, inni Wayyaanee saaxileef haalli saba keenyaa waan jijjiiramu hin qabu. Kan kana jijjiiruu danda’u  tokkummaa fi humna keenya (humna Oromoo) qofaa dha.
B)   Gadi bayee badii dalagaa ture ibsuudhaan uummata Oromoos dhiifama gaafachuuf carraa argata yoon jedhu, kan dabre hundumtuu hirraanfatamanii; dhiifamni haa godhamuuf yookaanis dhiifamni godhamuufii ni danda’a jedhee yaadee otuu hin taane, dhiifama gaafachuun isaa kun warra hafaniif barumsa ta’inaa laata yaada jedhuufi. Dhiifama kan godhu uummata Oromoo ta’ullee, gochaan isaa kun kan akka laayyootti ilaalmee, dhiifamaan dabruu danda’uu dha jedhee gonkumaa hin yaadu.
C)   Namtich kun gadi bayee dubbatus; ofdhoksee jiraatus karaa seenaatiin yoo ilaalame, badii inni dalage waan seenaa saba Oromoo keessatti galmaayef, dhiifamni godhamuufis godhamuufii baatus, kun hin hirraanfatamu. Garaagarummaan isaa fi Goobana Daaccee jidduu jiru, inni har’a lubbuudhaan jiraachuu dha. Juneddiin garuu badii dalageef gaaf tokko hanga mana murtiitti dhiyaatutti, gara qabsoo bilisummaa Oromootti of deebisee qooda gumaachuuf carraa qabaachuu ykn argachuu danda’a ta’a, waan lubbuun jiruuf jechuu kooti.
Dhumarratti, warra Abdii Boruu Juneddii Saaddoo ta’ee as bayuuf jedhuuf dhaamasa tokko dabarseen barreeffama kiyya xumura. Duraan dursee garuu, otuu hin hubatinis ta’ee, dhimma kana karaa tokkoon qofa ilaaluurraa kan ka’e, wanti biraa hafee, maqaa Juneddii jedhu fi jecha “dhiifama” jedhu wal bukkeetti dhiyeessuu kootiif, dubbistoota fi hordoftoota barruu kiyyaa; keessumaayuu ammoo, warra Juneddiin ijoolee isaanii diinaan irraa ficcisiise; warra har’allee imimmaan isaanii irraa qooruu dadhabe fi garaan isaanii madaa ta’e, dhiifama guddaa gaafachuun barabaada.  Warra shakkii narraa qabaniif ammoo, ani Junaddii ta’ee as bayuun kiyya hafee, waan uummata kiyya miidhu hojjechuurra du’ee biyyee keessa seenuu akkan filadhu mirkaneessuun barbaada. Karaa biraatiin ammoo, qawwee qabadhee; bosona Oromiyaa seenee, bilisummaa Oroomootiif qabsaayuu yoon hin dandeenye, karaa biraatiin, karaa beekumsa, qabeenya fi dandeettii kiyyaatiin uummatan irraa dhaladhe kana tajaajiluuf duubatti hin jedhu. Hanga lubbuun na keessa jirtutti, qabsoo kana keessatti qooda kiyya gumaachuurraa hin dhaabbadhu. Gandummaa fi naanummaadhaaf bakka kennee, tokkummaa ilmaan Oromoos hin gaaga’u.
Galatoomaa!
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

No comments:

Post a Comment