SEENAA Y.G(2005) kutaa 3ffaa | Bitooteessa 7, 2014
barruuMaraammartoon siyaasaa akaakuu heeddu qabaachuu , fakkeenya Biyyoota gara garaa kaasee kutaa 2ffaa keessatti ibseera. Maraammartoon siyaasaa ofii keenyaan of irratti umnuus akka jiru hubachuun dansaadha. Oromoof maal gumaachuu ? jennee akka dhuunfaattu waan tattaaffannu keessatti, hedduu of eeggachuun barbaachisaadha. Kana malees, Ummata keenyaaf sochii taasifnu keessatti, miirri wal dorgommii bu’aa gaarii Ummata ofiif argamsiisuu yoo jiraate illee, inni kaanis akkuma koo kana waan gaarii haa galmeesisuu jedhanii yaada walii laachutti ce’uun, akeeka walii galaaf karaa akka saaqullee qalbifachuun baroodha. ammas kana irratti of eeggachuun barbaachisaadha. sadarkaa dammaqiinsa Ummata keenyaa yennaa ilaallu, qabsoo kanaaf gumaachii taasifamu sadarkaa dhuunfaa irraa eegaluu akka qabu , waan hojjachuu qabnullee gara tumsaatti tarkaanfatu akka qabullee hubannoon jiru dansaadha. Qabsoon bifa kamiinu gaggeessinu , tapha kubbaa miilaa chaampiyoonsi liigii fakkaachu yk dorgommii kuffisanii dabruu keessaa baasuun murteessaa ta’uu, waan hubatamu feesisuudha.
Dhalli Oromoo kamiyyuu waan Ummata isaaf hojjatu tokko irratti, obboleessa isaa gama biraan socha’aa jiru irratti qabxii lakkosifatu tokkollee akka hin jirre beekuun dansaadha. Kana irra ce’ame bakki itti tarkaanfatu qabu, sochiin jiru akka wal hin gufachiisneef , yaada qaban walitti fidanii mri’achuudha. Yoo ta’uu baate garuu, warri Maraammartoo siyaasaa nu qopheessan qaawwaa argatanii nu seenanii , adeemsa isaanitti nu makachuu danda’u. sochii akkasiin qabsoon Oromoo hedduu miidhameera. Namoonnis gawwafamaniiru. Badii akkasitti akka seenaniif gargaarsi gama hundaa godhameeraaf. Kufaatii keessaa akka hin baaneef garuu gargaarsa dhorkamaniiru. Maaliif jennaan maraammartoo siyaasaan akka kufanii hafaniif irratti hojjatamaa waan tureef.
Sochiin qabsoo Ummata tokko keessatti bifa kamiinu gaggeeffamu, takkaa ho’ee , takkaa kan qabanaa’uu yoo ta’e, bu’aan keenya kan yeroo gabaabaa taatee, bu’aan diinaa kan yeroo dheeraa ta’uu danda’a. inumaa kun diinaaf hamilee kenna. Gara jabinni isaa jabaachaa deema. Shirri isaas akkasuma. Maaliif jennaan, waan isa sodaachiisu hin jiru. yeroo gabaabduuf dheekkamanii dhiisuu nuun jedhan. Kun ammo miidhaa qaba. miidhaa gama lamaa. Tokko waan diinni nu irraan ga’u babal’acha adeema. Inni xiqqoollee tattaafatu hamilee caba. Kanaaf waan hojjannu hundumaaf , muuxannoo addunyaa fudhachuun barbaachisaadha. dheekkamsaa fi diddaan keenya aarii jiru fi jireenyaa keessatti nu mudatu irraa adda ta’uu qaba. sadrkaa kana keessaa ba’ee kan bu’aa buqqaasaa fidutti ceesisuutu nu irraa eegama.