Uummatni Oromoo Qabsoo Uummata Kuurdish irraa maal barata?
Abbaan Iyyatu; Ollaan Birmata!
Biyyootiin hara daangaasaanii seera mootummootii idil addunyaan kabajsiifatanii alaabaa isaanii dhaabbatanii qaama mootummoota gamtoomanii taan hundi tokkollee boca hara ilaallu kanaan kan dhalate hin jiru.
Hundumtuu wareegamaa qaqqaaliifi gatii guddaan itti bahee, kan eenyummaasaa mirkaneeffatedha. Biyyi tolaan kadhaatiin walaboome hin jiru.
Lafa kanarratti ilmi namaa seenaa hedduu keessa dabreera. Gabroomuun akka jiru bilisoomuunis ni jira. Biyyittii hara qaroomaafi dinagdeen addunyaa keenya dursaa jirtu United States of America irraa jalqabee, irra jireessi biyyootii addunyaa kanaa, hadhaa gabrummaa kan dhandhamanii dabranidha.
Dhugaan afaan qaban funyaaniin dubbata akkuma jedhan, gabrummaan hangamillee jabaatu kan jalatti hafu garuu gonkuma hin jiraatu!
Akka fakkeenyaatti yoo ilaalle Saba gugddaa akka Oromoo, Gidduu gala Eeshiyaa kan tae, saba Kurdish jedhamuun beekamu, uummata Miiliyoona 30 tii ol taetu jira.
Sabni kun akkuma saba kamiiyyuu uummata aadaafi afaan ofii qabudha.
Haatauyyuu malee babalina amantaa wajjiin wal qabatee qabiyyeen lafa Kurdootaa kun biyyoota olla isaaniitiin liqimfamaa dhufe.
Lafti Kurdootaa karaa Bahaa kan ture, godinni Rajihilaat jedhamu, Iraanotaan nyaatamee, kunoo hara qaama Iraan Kaabaa taee argama.
Lafti Kurdootaa karaa Kaabaa kana ture godina Baakuur jedhamu ammo Turkootaan saamamee, hara qaama Kibba Baha Turk taee argama.
Lafti Kurdootaa karaa dhihaa kana ture godinni Rojaavaa jedhamu Sooriyaatiin fudhatamee, kunoo hara qaama Sooriyaa Kaabaa taee argama.
Akkasumas lati Kurdootaa karaa Kibbaa kan ture Baasuur jedhamuun kan beekamu, kunoo hara qaama Iraaqa Kaabaa taee argama.
No comments:
Post a Comment