Hagayyaa 17,2014 Odeessa Qeerroo Bilisummaa
QeerrooSochiin Dargaggoota,Barattoota Oromoo fi waliigalattii uummaatni Oromoo mirga abbaa Biyyummaa isaa kabachiifachuuf abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO irratti gaggeessa jiru daran jabaachuun mootummaa Wayyaanee raafama ulfaata keessa galchee jira.
Sochiin Qeerroo, barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoon qabsiifame kana danquuf wayyaaneen shiroota garaagaraa xaxaa kan turete yeroo ta’u uummata walitti qabuun sochii kana ABOtu gaggeessa, balaaleffadhaa jedhee godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessa deemuun uummaata humna waraanaatiin walitti qabee hiriira baasuuf yaalii godheen uummaata irraa diddaa guddaan isa mudachuun ni yaadatama. Keessattuu shirri Wayyaanee kun Godinaalee dhiha Oromiyaa keessatti mormii guddaa itti kaase.
Uummaanni Oromoos ergaa gaaffii mirgaa gaaffachuu fi qabeenyaa keenya hin saamiina, dhala keenya dhukaastanii hin ajjeesinaa, mirga keenya nu sarbiina, lafa keenya irraa nu hin buqqisinaa, seeraan ala nu hin hidhiinaa, ijoollee keenya barnoota irraa hin arii’ina, mirga dimookiraasii fi namommaa nu hin sarbiina jechuun ABOdha, shororkeessadha, nama jechisiisa ta’ee ,dhibbaan dhibbatti ABO’n sirrii fi dhugaaf kan nuuf falmu ta’uu hubannee jirra jechuun uummaanni dubbatee Wayyaanee qaaneesse jira.
Haala kanaan Wayyaaneen walga’ii uummataa sadarkaa aanaa fi gandaatti godinaalee dhiha Oromiyaa Godina Lixa Shawaa, Godina Horroo Guduruu Wallagaa, Godina Bahaa Wallaggaa, Godina Lixa Wallaggaa , Godina Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraatti haala walfakkatuun uummanni walga’ii Wayyaanee balaaleffachaa jiras. Jaalalli uummaatni Oromoo ABOf godinoota kana keessatti qabu ammaas ABO jechuun uummata Oromoo jechuudha jechuun. Utuu hin jaalatiin dhugaan qabatamaan lafa jiruu uummaatni hundi akka miseensa fi deeggaraa ABO ta’uu ta’ee jira. Sochiin Qeerroo Oromiyaa jabaate itti fufuun Wayyaanee raafam keessa galche