Pages

Tuesday, August 19, 2014

Sochiin Diddaa Gabrummaa Oromiyaa Keessaa Jabaate Itti Fufuun Wayyaanee Raafam Keessa Galche

Sochiin Diddaa Gabrummaa Oromiyaa Keessaa Jabaate Itti Fufuun Wayyaanee Raafam Keessa Galche

(Qeerroo.org) – Hagayyaa 16/2014 Sochiin Dargaggoota, Barattoota Oromoo fi waliigalattii uummaatni Oromoo mirga abbaa Biyyummaa isaa kabachiifachuuf abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO irratti gaggeessa jiru daran jabaachuun mootummaa Wayyaanee raafama ulfaata keessa galchee jira.
Sochiin Qeerroo, barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoon qabsiifame kana danquuf wayyaaneen shiroota garaagaraa xaxaa kan turete yeroo ta’u uummata walitti qabuun sochii kana ABOtu gaggeessa, balaaleffadhaa jedhee godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessa deemuun uummaata humna waraanaatiin walitti qabee hiriira baasuuf yaalii godheen uummaata irraa diddaa guddaan isa mudachuun ni yaadatama. Keessattuu shirri Wayyaanee kun Godinaalee dhiha Oromiyaa keessatti mormii guddaa itti kaase.
Uummaanni Oromoos ergaa gaaffii mirgaa gaaffachuu fi qabeenyaa keenya hin saamiina, dhala keenya dhukaastanii hin ajjeesinaa, mirga keenya nu sarbiina, lafa keenya irraa nu hin buqqisinaa, seeraan ala nu hin hidhiinaa, ijoollee keenya barnoota irraa hin arii’ina, mirga dimookiraasii fi namommaa nu hin sarbiina jechuun ABOdha, shororkeessadha, nama jechisiisa ta’ee ,dhibbaan dhibbatti ABO’n sirrii fi dhugaaf kan nuuf falmu ta’uu hubannee jirra jechuun uummaanni dubbatee Wayyaanee qaaneesse jira.
Haala kanaan Wayyaaneen walga’ii uummataa sadarkaa aanaa fi gandaatti godinaalee dhiha Oromiyaa Godina Lixa Shawaa, Godina Horroo Guduruu Wallagaa, Godina Bahaa Wallaggaa, Godina Lixa Wallaggaa , Godina Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraatti haala walfakkatuun uummanni walga’ii Wayyaanee balaaleffachaa jiras. Jaalalli uummaatni Oromoo ABOf godinoota kana keessatti qabu ammaas ABO jechuun uummata Oromoo jechuudha jechuun. Utuu hin jaalatiin dhugaan qabatamaan lafa jiruu uummaatni hundi akka miseensa fi deeggaraa ABO ta’uu ta’ee jira.
Shirrii wayyaaneen akka tooftatti itti fayyadamuuf yaalii godhaa jirtu uummaatni akka ABOf deeggarsa laatu godhee jira. Wayyaaneen shira ofiin qopheessite qaanii isheetti uffise kanatti naasuu guddaa keessa seenuun waan qabdee gadhiiftu dhabuun walnyaachuutti deebite jirti. Akkuma Oromoon yeroo mammaakuu ”Gowwaan kan dandeessuu dhaani jennaan galee niitii isaa reebee” jedhan Wayyaaneen haala ishee mudatee jiruu keessaa ba’uu akka hin dandeenye waan hubateef niitii ishee OPDO doorsisuutti deebite. OPDO’n waggaa 23 keessatti uummata amansiisuu hin dandeenye, ABO’s dhabamsiisuu hin dandeenye, har’a daa’imman waggaa 5ni oliiyyuu ABO faarsaa jirti jechuun OPDO mudduun kun dhalatee jira.
Ergamtuun Wayyaanee OPDO’n muddama gooftolii ishee kanaan jeequmsaa keessa seenuun diigamaa jirti. Yeroo ammaa kanas waldhiddaa guddaan jeequmsa keessa OPDOtti dhalateen diigamtee badaa jirti.
Sochii Warraaqsaa Qeerroon barattootni Oromoo qabsiisaan birmannaa uummataa biyya keessaa fi addunyaa irraatti fudhatamaa fi dhageettii waan argateef, Wayyaaneen haalaan waan sodaatteef sochii kana danquuf barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo irraa gara maatiitti boqonnaaf deebi’anii maatii bira jiran maqaa walga’ii barattoota jedhuun diraamaa kijibaa fi ololaa sochii eebbifamaa bilisummaa uummata Oromoo kabachiisuuf jiru kana dura ittin dhaabbachuuf butattee asii fi achi fiigaa jirti.
Walga’ii kana FDGtti jijjiruuf Qeerroon barattootni Oromoo qophii barbaachisuu ummuruun akkuma eegaa jiran, ammas kunis wayyaanee yaaddoo ulfaataa keessa galchee jira. Wayyaaneen Sodaa guddaan waan muddamtee jirtuuf walga’ii barattootaa kanas dhiisuu, gaggeessuu utuu jettuu har’a geessee waan qabdee gadiiftu waan dhabdeef walga’icha gaggeessuun dura shira qopheessite jirti. Shirrii Wayyaanee kunis:
1. Barattoota duraan Godina dhaloota keessanii fi Yuunibarsitii isinitti dhiyaatutti ta’a jechuun kan dubbatee turte, amma dubbiin itti hammachaa waan jiruuf barattoota Godinaalee sodaatan irraa wal jala dabarsuun teesisuuf murteessite jirti. FKN barattoota Oromoo Godina lixa Wallaaggaa jiran Yuunibarsiitii Jimmaatti teesisuuf, kanneen Amboo jiran immoo lixa Wallaggaa geessuuf, kanneen Adaamaatti waamaman Harommayyaatti geessuuf yaadan waldhahaa keessa galtee jirti.
2. Barattoota miseensota OPDO ta’an dursitee teesisuuf waamuuf murteesitee jirti. Barattootni Oromoo immoo nuti barattoota Oromoo dhaloota qubeetii malee OPDO’ miti jechuun miseensummaa OPDO balaaleffachuun icciitii akka miseensatti itti himamee barattoota Oromoo hundaaf ibsaa jiru.
3. Barattoota gargar qoqqoodanii teesisuuf yaala jiru. Akka siirnoota darbanii gochaa turan Oromoon akka yaadaan wal hin hubanneef jedhanii waan yaadaniifi Oromoo qoqqoodanii bituun dhaabbachuu qaba jechuun goototni barattootni Oromoo dhalootni qubee dhaamsa waliif dabarsaa jiru.
4. Guyyaa walga’iin kun itti waamamee jiru jijjiiruu murteeffattee jirti. Qophiin FDG barattootni gochaa jiran haalan cimaa fi sirna kan qabu waan ta’eef guyyaa walga’ii jijjiruu qabna jechuun wayyaaneen walga’ii hagayyaa 10/2006 A.LH tti waamtee jirtu gara hagayyaa 13 fi 14/2006 A.LH tti akka jijjiramu murteesuun dubbatama jira. Walumaa galatti goototni dargaggootni qeerroon baratootni Oromoo walga’iin wayyaaneen gaggeessuuf wan qabdee gadhiiftu dhabdee wawwaachaa jirtu kana dura dhaabbachuuf iyyannoo marsaa 2ffaa jedhuu kan gaffii 10 of irraa qabu qopheeffaachuun guutummaa Oromiyaa irratti barattoota Oromoo hundaaf kard copy, fi Softcopy isaa waliif raabsaa jiraachuun qophii barbaachiisu xummarachaa jiraachuun ibsame jira. Kana malees barruulee warraaqsaa ergaa gaggababaa fi bineensummaa Wayyaanee saaxiluu fi suuraa ilmaan Oromoo warraqsa irratti wareegamanii waliif raabsuu irratti argamu. Wayyaaneen barattoota Oromoo wal jala jijjirtuus, bakka walga’ii jijjirtuus, guyyaa walga’ii jijjirtuus, ilmaan habashaa afaan Oromoo danda’anii fi Oromiyaa keessatti dhalatan miseensa OPDO gootee dursitee walitti qabuuf yaaltus kun sochii keenya matumaa gufachiisuun hin danda’uu jechuun dhaamsa waliigalaa Waliif dabarsina. Biyya keenya Oromiyaa keessa naannoofnee uummata keenya dammaqfachuun, mirga uummata keenyaa kabajamuu fi mirga abbaa biyyummaa uummata keenya eegsisuun murtoo keenya jechuun dhaamsa dabarfachuu barbaanna. Maayyii irraatti ilmaan Oromoo hundi bakka jirtanii ka’aa FDG itti fufa mirga keenyaaf falmanna, Dimookiraasii fiduuf falmanna, Oromoo bilisoomsuuf falmannaa, Oromiyaa walabomsuuf kutannoon kaanee ka’aa! Oromoo jechuun waamichaa wal irraa hin citne dabarfaachaa jiru.
Injifatnoon uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Hagayyaa 16/2014

No comments:

Post a Comment