Pages

Thursday, August 21, 2014

- Barattooti Oromoo 80 Yuuniversitii gara garaa boqonnaa yeroo gannaaf maatiitti galan dirqisiifamanii loltoota Wayyaaneen osoo konkolaataan fe’amanii deemanii 20 ol madaa’an «

Barattooti Oromoo 80 Yuuniversitii gara garaa boqonnaa yeroo gannaaf maatiitti galan dirqisiifamanii loltoota Wayyaaneen osoo konkolaataan fe’amanii deemanii 20 ol madaa’an

Hagayya 20, 2014 – Amboo
Guyyaa har’aa battootni Oromoo dhaabbilee Barnoota Olaanoo irraa baratan Godina Kibba Lixa Shawaa irraa walgahii ariifachiisaa jechuun FDG irraa isaan dhaabuuf Wayyaaneen humna waranaatti dhimma ba’uu barattoota dirqiisiisee Konkolaata tokkotti barattoota 80 ol fe’uun gara Magaala Jimmaatti utuu adeemuu karaatti konkolaatan garagalee barattoota 20 ol ta’an irra midhaan ulfataan qaqqabee Hospitalaa Waliisoo galanii du’aa fi jireenya gidduutti argamu.
Akkuma torbeewwan kana keessa walgayiin barattoota Yuuniversitii irraa galan torbee kana keessa bakkoota adda addaatti eegalu jechuun yuuniversitii 9 irratti isaanis Yuuniversitii Adaamaa, Amboo, Wallaggaa, Haromayyaa, Madda Walaabuu, Jimmaa, Bulee Horaa, Mattuu fi Dirre Dawaatti kan gaggeeffamu yoo tahu isaan keessaa yuuniversitii 3tti guyyaa haraa kan eegaleedha, haatau malee barattoota oromoo dhiibbaa miidhaa garagaraa ajjeesuu irra madaanii akka isaan jiraatan mala itti barbaaduudhaan konkolaataa caccabaadhaan kaleessa guuraa oolaniiru, kun karaa miidhaa konkolaataatiin barattoota kana irratti gaggeessuudha, akkuma yaadan hamma yaadan tahuu baatuus bakkeewwan sadii irratti konkolaataan barattoota featee utuu deemuu galagalee jira, namootni sirriitti beekan yoo dubbatan konkolaatawwan barattoota itti funaananii deeman kun hojii dhaabee kan lafa tureedha jedhu, bakkeewwan konkolaataan kun itti galagale keessaa:
- Kibba Lixa Shawaa irraa kaee gara yuuniversitii Jimmaa kan imalu asuma shawaa keessaa utuu hin bahin galagalee barattootni hedduun madaaniiru,
– Kaaba Shawaa irara fuudhee gara Adaamaa kan imalu Caancoo bakka jedhamutti galagalee barattootni walakkaa ol madaanii jiru,
– Gindabarat irra fuudhee gara Amboo utuu deemuu konkolaataan lama wal faana galagalee baratttooni guutummaatti madaanii jiru
– Bakkeewwan biroos akkasuma akka dhagayamaa jirutti garuu barattooni lubbuun darban hin jiran qaamaan hiratanii madaanii hospitaala garagaraa galanii kan jiran irraa kan hafe.
Walgayii barattootaa kana irratti kan argaman koreewwan giddu galeessa hojii raawwachiiftuu OPDO namoota 5 fi isaa oliin gurmaaanii yuuniversitiiwwan kana irratti kan argamaniidha, ijoollota isaan fayadan of jala tooressanii sodaadhaan walgayii kana irratti wal gurmeessanii argamaniiti kan jiran, kaayyoomti isaanii inni duraayyuu haala hin beekanmeen barattoota kana miidhuu ture balaama konkolaataan kun dursee waan qindeeffameedha jedhu akka gabaasni isaa caasaa mootummaa irraa addeessutti. Kunis kan irratti hubatamee jiru qaama isaanii kan taan konkolaata biraadhaan gaggeessani keessaa fooani, kun waanti barattoota kana irratti qophaayee jiraachuu isaa raggaasisa, ammas haalli jiru bakka walgayiitti sodaachisaa akka tahee fi jarris barattoota irra sodaa qabantu mulataa akka jiru gabaasni nu gahaa jiru addeessa, dhimmoota kana ammas gabaasni guutuun gadi fageenyaan kan dhiyaatu taa jedhamaa jira walitti deebina.

No comments:

Post a Comment