Sadaasa 29,2013 Finfinnee
Saminsi qabeenya Oromoo akka dhaabbatu jechuun uummatni Oromoo Godina Gujii aanaa Saba booruu ganda qeenxachaa diddaa kaase. Mootummaan wayyaanee saaminsa Warqee aanaa kanaa gaggeessa kan ture nurraa haa dhaabu jechuun uummatni gamtaan dura dhaabbatee jira. Waraanni wayyaanee rasaasa dhukaasuun diddaa uummataa saaminsa warqee ilaalchisuun gaggeeffamu dura dhaabbachuuf yaalus uummatni gamtaan sochii waraanaa fashalsee jira.
Haaluma wal fakkaatuun jala deemtotni mootummaa wayyaanee maqaa magaala Nagallee Booranaa jedhamaa ture Booranaa kan jedhu hin barbaachisu kanaaf magaala Nagallee duwwaa haa tahu jechuun murtii dabarsanis uummatni Boorana kan jedhu uummata Oromoo waan ibsuuf haqamuu hin qabu jechuun diddaa dhageessisuu irratti argamu.