Pages

Thursday, November 7, 2013

Sadaasa 9 Ilaalchiisuun Ibsa Sochii Warraaqsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Godina Jimmaa Irraa Kenname.


Sadaasa 9 Ilaalchiisuun Ibsa Sochii Warraaqsa Qeerroo
Bilisummaa Oromoo Godina Jimmaa Irraa Kenname.
Gareen gaafatamtoota Qeerroo bilisummaa Oromoo biyya keessaatti sochii warraaqsa FDG gaggeessaa
jiru Yaadannoo sadaasa 9 guyyaa FDG sababeeffaachuun walga’ii isaa Sadaasa 6/2013 godina dhiha
Oromiyaa keessatti gaggeessuun Uummata Oromoo hundaaf ibsa armaan gadii dabarsee jira.
Addunyaa kana irratti ilmi namaa bara inni tole jedhee roorroo, gadiqabaa, hacuuccaa fi garbummaa
fudhatee jiraate hin jiru; Ummaannii Oromoos akkuma uummata addunyaa kamiiyyuu guyyaa inni
garbummaa, roorroo, gadi qabaa fi hacuuccaa tole jedhee fudhate hin jiru. Keessattuu gita bittoota
abbootii irree afaan qawweetti malee sirna bulchinsa dimookiraasii fi kabajamuu mirga namummaatti
warraa hin amanne dura dhaabbachuun falmaa hiriyaa hin qabne uummata gaggeessaa as ga’ee ta’uun
seenaan ragaa guddadha. Haala kanaan uummaanni Oromoo mootota abbootii irree Habashootaa
kaleessaa irraa qabee hanga mootummaa faashisti fi shororkeessaa Wayyaanee hara'aa jirtuu kanatti
falmaa bilisummaa gaggeessaa turee fi itti jiru keessatti injifannoo cucululuqaa galmeessa as ga’edha.
Bara 2005 keessa maqaa filannoo waliin dhahaa fi fakkeessaa Wayyaaneen gaggeesseen walqabatee
sagaleen uummata Oromoo ukkanfamee; Oromoo fi Oromiyaa bituuf ilmaan habashaa waldhansoo
jabaa Finfinnee irratti gaggeessa turtetti, Oromoon caljedhee hin ilaallee, Dhaabni isaa Abdii fi gaachanni
uummataa Oromoo ABO’n mirgi uummata Oromoo fi kan saboota rakkoo fakkaataa Oromoo qabanii
haa kabajamu jechuun waamicha FDGf ibsa uummata Oromoof taasise.
Mirgoonni Kunis: A. Mirgi dimookiraasii haa kabajamuu,
 B. mirgi Gurmaa’uu fi yaada ofii karaa bilisaa ibsachuun haa kabajamuu,
 C. Mirgi Siyaasaa fi amantii fedhan hordofuu haa kabajamuu;
 D. Mirgi Filachuu fi Filatamuu haa kabajamuu; Sagaleen Ummataa haa kabajamu.
 E. Mirgi namummaa fi Olaantummaan seeraa haa kabajamu;
 F. Lafa dimookiraasiin hin jirretti ololli wayyaneen umrii ishee tursuuf maqaa
 dimookiraasiin olollii wayyaaneen ofaa jirtuu haa dhabbatu.
 G. Mirgi hiree murteeffannaa fi abba biyyummaa uummata Oromoo haa kabajamu.
Kanneen jedhanii fi kkf bu’uura godhachuun, Addatti immoo maqaa filmaataa bara 2005 kana
sababeeffachuun wayyaaneen sagalee uummata Oromoo ukkamsee mirga Oromoo mulqee bifa haaraan
Oromiyaa bituuf filannicha fakkeessaa shiraan guutame mo’adhe jedhee uummata irraatti dhaadachaa jiraachuu hubachuun Addi bilisummaa Oromoo(ABO)’n wamichaa FDG fi ibsa uummata Oromoof
taasisen qaanqeen FDG guutummaa Oromiyaa keessaatti qabate, hangaa har’a wayyaaneen dhaamsuu
hin dandeenye. Haala kanaan FDG godina ganfaa Afrikaa keessaatti bifa qindaa’een dhowe. Sagaleen
uumata Oromoos dhalotaa haaraan sadarkaa Idil –Adduunyaatti dhageessifame. Ilmaan Oromoo qaalii
wanjoo garbumma saba isaanii irraa buusuuf wareegama qaalii kanfaluun qabsoo bilisummaa Oromoo
fulduratti tarkaanfachiisan.
 Akkuma beekamu mootummaan Faashistii shororkeessaa wayyaanee gaaffii dhalotaa haaraa
muddee isa qabee deebisuu dadhabee humna waraanaa of harkaa qabu kan yeroo sanatti waraanni
ajaja Mallas Zeenaawwiin hoogganamu guutumma Oromiyaa irraatti bobbasee, warrannii wayyaanees
ajaja darbuuf fudhachuun ilmaan Oromoo nagaa gaffii mirgaa karaa nagaa gaafatan irraatti warana
banuun uummataa meeshaa maleeyyii jumlaan ajjeese, biyyaa arii’ate, jumlan qabee hidhe. Goototni
Oromoo hedduun godinalee Oromiyaa mara irraatti bara 2005 sadaasa 9 wareegaman har’a uummata
Oromoo biratti bakka guddaa qabu, seenaan isaanis guddadha, bara baraan ni yaadatamu, qabsoon
isaan wareegama itti kanfalanis duubatti deebi’uu hin danda’u, Wareegama qaalii isaan kanfalaniin
sagaleen Oromoo sadarkaa Idil-Addunyaatti dhagaa’ame, qabsoon bilisummaa Oromoo fulduratti
tarkanfatee har’a ga’era. Mootummaan Wayyaanee shororkeesituu ta’uu fi sirni dimookiraasii biyyaatti
keessa kan hin kabajamne ta’uu addunyaaf saaxilan. Kanaafuu Sadaasni 9 Oromoo fi Oromiyaa
keessaatti guyyaa seena qabeessa ta'uu irra darbee dhalootni haaraan bifa qindaa'een garboomsaa fi
garbummaa of irraa gatuuf FDG gageessuun waadaa itti haaromsatudha. Guutummaa Oromiyaatti FDG
gaggeessuun qabsoo bilisummaa Oromoof wareegamni gatiin jabeessii bara itti kanfalamee fi bara
qabsoo bilisummaa Oromoo hidhaan, ajjeechaan, dararamni fi biyyaa irraa arii’atamuun duubatti
deebisuu kan hin dandeenye ta’uu diinaaf bara itti mirkaneffame wan ta’eef bara baran ni yaadatama.
Kanuma Irraatti hundaa’uun hooggansii Qeerroo Bilisummaa Oromoo biyyaa keessaa yaadannoo
Sadaasa 9 akka armaan gadiitti dabarsuuf murti dabarsee jira.
1. Caasaan Qeerroo bilisummaa Oromoo Godinaalee, aanotaa, Magaalawwaan, maayibaasii,
dhaabbilee barnootaa Olaanoo: Yuunivarsiitii, Koolleejjii, Manneen barnotaa sadarkaa 2ffaa
fi 1ffaa Sadaasa 9 walitti dhufuun dungoo diimaa magariisa diima qabsiifachuun yaadannoo
sammuun gootota ilmaan Oromoo qaalii FDG irraatti wareegamaniif ni taasifama.
2. Suuraan Gootota Oromoo FDG irraatti wareegamanii fi qabsoo bilisummaa Oromoo irraatti
baroota garaagaraatti wareegaman Ummataaf ni raabsama, sabbontotni akka kennaatti
waliif ni kennu.
3. Suuraan Gootota Oromoo fi Gaaffiin mirga hiree murteeffaannaa Uummata Oromoo,
kabajamuu mirgoota dimookiraasii fi namummaa irraatti hundaa’e kan qabate barruun
warraaqsaa, caasaa qeerroon uummataaf ni bitinneeffama, ni raabsama, ni maxxanfama.
4. Guyyaa Sadaasa 9 kana dhaamsotni gaggabaaboon FDG jajjabeessan, tokkummaa
uummataa tiksan, kan qabsoo uummata Oromoo wareegama qaaliin as ga’ee fulduratti
tarkaanfachiisan hooggantoota dhaabaa ol aanoo fi hoggantoota qeerroo biyyaa keessaa fi
biyyaa Ambaa jiraniin karaa sagalee SBO, Sinbirtuu, Sefenabalbal, Facebook, marsaa
Qeerroo fi kkf’n uummataaf akka darbu murtii dabarsine. 5. Qeerroon Impaayera biyyatti keessaatti qabsoo bilisummaa Oromoo sochii warraaqsa
biyyoolessaa gaggeessaa jiruu jabeessuun hanga bilisummaan uummata Oromoo
mirkana’utti bifa qindaa’een FDG gaggeessaa kan jiruu ta’uu yaadachiisuun, ilmaan Oromoo
sadarkaa garaagaraa irra jirtan hundii karaa dandeessan hundaan qabsoo bilisummaa saba
keessaanii keessaatti qooda akka fudhatan, akka jajjabeessitan, tokkummaa uummata
keessaanii akka tiksitan, Oromoo fi Oromiyaaf waardiyaa akka dhaabbatan wamicha keenya
dabarsina.

Qansaayaan ni kufa qabsoon itti fufa !

 Injifannoon U/Oromoof!.
 Sadaasa 6/2013
 Qeerroo Bilisummaa Oromoo!.


No comments:

Post a Comment