Pages

Friday, November 22, 2013

Godaantota Biyyoota Ambaa Keessatti Balaa Mudataniif Kan Itti Gaafatamu Sirnuma Biyyan Bulcha Ofiin Jedhu Wayyaanee ti

olf_logoSadaasa 21, 2013 (oromoliberationfront.org) – Ilmaan Oromoo fi sabaa fi sablammoota biroo biyya keessatti hojjetatanii guddachuu dadhabuu irraa baruma baraan biyyoota ollaa fi fagootti godaanu. Kana keessatti lakkoofsi ilmaan Oromoo haalaan guddaa dha. Irra guddaan isaanii karaa seeraan alaatiin biyyoota ollaatti godaanu. Biyyoota ollaa irrattis dhiibbaa sirna Wayyaaneetiin nageenya dhowwatamanii fagaatanii deemuuf jecha balaawwan rifaasisaa adda addaa mudatu. Haala kanaan baqattoonni Oromoo fi saboota biroo Sudan, Somalia, Somali Land, Punt Land, Djibouti, Kenya, Suudaan Kibbaa, Yemen, Saudi Arabia, Dubai, Bahrain, Lebanon, Qatar, Masr, Libya fi Afriikaa Kibbaatti faa godaananii argaman kumoota dhibbootaan herregamu.
Godaantonni kun gariin isaanii rakkoo siyaasaatiif biyya jaalatan irraa baqatan. Gariinis biyya keessatti dalagatanii guddachuuf, of jiraachisanii fira ofiis gargaaruuf hiree dhowwatamanii, cunqursaa bifa adda addaan hiraafamanii carraa hojii wayyaa barbaachaaf jecha biyyaa bahan. Biyya isaanii keessatti nagadanii, qotatanii yookiis ogummaa qaban birootiin hojjetanii akka hin guddanne sirna aangoo irra jirutu gufuu itti tahe. Wayyaaneen ilmaan biyyaa siyaasaa mootummaa irraa walaba tahanii hojjetatanii buluu barbaadaniin dirqamatti miseensa paartii kootii taatan malee jedhee doorsisa. Warra kana dide sababa itti barbaadee carraa dalagaa itti cufa. Warra qotatu gatii xaahoo fi sanyii filatamaa dhowwata, yookiis garmalee gatii itti qaalessa. Warra nagadu eehama daldalaa irraa fudhatee qarshii kuma hangas kafaltu malee hin argattu ittiin jedha. Warra baankii irraa horii liqeeffatee daldalatti seenuu barbaaduun dura waraqaa miseensummaa paartii keenyaa fidi ittiin jedha. Haloonni akkasii kun ilmaan biyyaa biyya abbaa isaanii irratti hojjetanii guddachuu fi biyyas guddisuu mannaa hiyyuummaa fi cunqursaa jalaa baqachuuf qalbiin isaanii akka godaansa yaadu taasise. Lakkoofsi namoota Itoophiyaa irraa gara biyyoota adda addaatti godaananii kan biyyoota ollaa keenyaa kamiiyyuu caalaa kan guddatee argameef dhiibbaa mootummaa kana fakkaatu irraati yoo jedhame dhugaa irraa fagaachuu hin tahu.
Ilmaan biyyaa kun hanga lammii Itoophiyaa jedhamanitti, bakka gahan maratti nageenya isaanii hordofee mootummoota biyya itti godaanan sanii waliin tahee tika taasisuufiin kan irra ture, mootummaa aangoo siyaasaa Itoophiyaa harkaa qabu. Mootummaan Wayyaanee TPLF garuu, faallaa kanaan, baqattootni kun marti bakka gahan maratti balaa dhala namaatiif hin malle akka mudatan gochisuu keessaa qooda qabaate. Yeroo adda addaatti wayta ilmaan biyyaa biyya hojiif jecha itti godaanan keessatti ajjeefamanii daandii irratti gataman, dhiigni isaanii akka dhiiga sareetti dhangala’u, kun maaliif tahe jedhee wayta itti gaafate hin qabu. Shamarran hojjetanii guddachuuf jecha biyyoota Arabaa gara garaatti godaanan yeroo hedduu haala kanaan ajjeefamu. Yookiis salphina namummaa isaanii irra gahe obsuu dadhabanii darbii (building) gubbaa irraa of gadhiisanii du’u. Waggaa tokko dura intalli Oromoo Alam Dachaasaa jedhamtu daandii magaalaa Beeyruut keessatti warra biyyaatiin reebamtee yoo ajjeefamtu kan agarsiisu viidiyoon tokko you tube irratti gadhiifamee ture. Alam wayta ilmaan Arabaa gara jabeeyyiin namummaa ishii salphisanii uffata irraa baasanii qullaa lafa irra harkisanii itti taphatan, embaasiin Wayyaanee magaalaa sana keessa jiru akka dhaqqabuuf yoo waywaattu viidiyoo san irratti ni dhagahama ture. Kan nama raaju ammoo, bakki hammeenyi kana fakkaatu lammii Oromoo tana irratti raaw’atame, bakka embaasiin Wayyaanee argamu irraa fageenya meetiroota dhibba lamaan tokko hin caalle irratti ture. Sirni Wayyaanee dubbii tana irratti mootummaa biyya sanii waan gaafate hin qabu.
Dhihoo kana akkuma dhagahamaa jiru, godaantota Itoophiyaa irraa deemanii Saudi Arabia keessa turan irratti ammas tarkaanfiin farra dhala namummaa suukaneessaan torbaanotaaf walitti aansee raaw’atamaa jira. Kana keessatti yoo xiqqaate lubbuun godaantota sadii reebicha irra gaheen dabree jira. Poolisoonni Saudi dargaggoota biyya isaanii waliin tahuun lammiilee Itoophiyaa irraa achi godaanan reebuu, saamuu fi dhalaalee humnaan qabatanii gudeeduudhaan salphisan. Kunis oduu ololaa osoo hin taane qabatamaan viidiyootti warabamee interneeta irratti faca’ee jira. Kun hundi yemmuu tahu, sirni Wayyaanee kan lammiiwwan ajjeefamaa fi salphifamaa jiran biyya isaa irraa tahan afaan guutee yoo gochaa kana balaaleffatu hin dhagahamne.
Mootummoonni akka Indooneeshiyaa fi Filippiins kan lammiileen isaanii haala wal fakkaatuun Saudi keessaa ari’aman hoggasuma ibsa baasanii mootummaa Saudi balaaleffatan. Dirmannaa lammiilee biyya isaaniif qaban agarsiisan. Mootummaan wayyaanee garuu tarkaanfii fakkaataa fudhachuun haa turuutii, inumaa gochaa mootummaa Saudi kan deeggaru tahuu isaa ragaa ofirratti bahe. Salphina lammiilee biyya isaa irra gahee addunyaa gaddisiisee jiruuf gurra hin qabaanne. Isaaf kan gatii qabu investeroota Saudiitti lafa gurguratee akka dhunfaatti duroomuu dha malee kabajaa ilmaan biyyaaf quuqamee dubbachuu miti. Ilmaan biyyaa biyya ofii keessatti hojjetanii akka hin guddanne danqee, lafa isaan gadhiisanii godaanan warra achitti isaan ajjeesaa jirutti gurgurata, yoo fedhes tola kennaaf. Kun mallattoo sirna farra ummatoota bulchaan jira ofiin jedhuu akka tahe ifa galaa dha.
Balaan du’aa fi salphina wal fakkaataa biyyoota akka Suudaan, Yaman, Jabuutii, Soomaalii Laand, Puunt Laand, Keeniyaa fi kan kana fakkaatan keessatti yeroo dheeraa duraa qabee godaantota ilmaan biyyaa, keessumattuu dhalattoota Oromoo irra gahaa ture kan himamee dhumuu miti. Yeroo kun hundi tahu ammoo mootummaan Wayyaanee mootummoota biyya sanii waliin tahee godaantota kana rukuchiisuu, hiisisuu, biyyatti dabarsee zaliiluu irraa kan hafe lammiiwwan kiyyatu miidhame jedhee wayta dirmateef hin qabu.
Walumaa galatti balaa godaantota Oromoo fi sabaa fi sablammoota biroo biyya ambaa keessatti irra gahaa jiruuf kan itti gaafatamu mootummoota alagaa sana qofa osoo hin taane hangafummaatti sirna Wayyaanee mataa isaa ti. Sababa hedduuf itti gaafatama: Jalqaba dubbii, biyya keessaa dhiibee godaansisuu isaaf itti gaafatama. Lammaffaa, godaantonni kun bakka gahanitti mirgi isaanii akka eegamu irratti hojjechuu dhabuuf itti gaafatama. Sadaffaa, bakka itti godaananitti mirgi namummaa isaanii yoo salphifamu dafee sagalee dhageessisee tarkaanfii malu fudhachuu hanqatuu isaaf itti gaafatama.
Hunda caalaatti garuu akka isaan biyya ofii irratti hojjetanii hin guddanne tooftaadhaan dhiibee godaansisuutu yakka olaanaa dha. Lammiileen kun biyya isaanii gadhiisanii akka hin deemneef hiree hojii siyaasaa irraa walaba tahe aanjessuuniif qooda isaa ture. Lammiileen hundinuu naannoo naannoo isaanii keessatti mirga hojjetanii guddachuu kan dhiibbaa kamiyyuu irraa walaba tahe argachuu qabu ture. Wayyaaneen mirga abbaa biyyummaa isaanii san irraa fudhate. Fakkeenyaaf lammiileen Oromoo Oromiyaa keessatti leecalloo (resources)  umamaa jirutti dhimma bahanii hojjetanii guddachu danda’u ture. Omisha bunaa, jimaa, midhaanii, albuudaa; horsiisa loonii, lukkuu, bushaalee, kotte duudaa; akkasumas tajaajila hawaasaa (civil service) caasaa mootummaa fi mit-mootummaa keessatti dhiibbaa siyaasaa tokkoon maleetti bobba’anii ofis tahee biyya isaanii guddisuu danda’u ture. Daldala irrattis akkasuma. Mootummaan Wayyaanee garuu hireelee kana mara lammiilee jalaa fudhatee godaansaaf isaan dhiibe. Maqaa investerummaatiin dabballootaa fi basaastota isaa maallaqa miiliyoonota fe’achiisee kaaba irraa bobbaasee Oromiyaa fi  naannoolee biroo keessatti dalagaa lammiileen silaa dalagatanii ittiin jiraatan humna qawween jalaa fudhachiisa. Kan caalaatti nama suukanneessu ammoo, godaantota Saudii jiran irra guddaa mallaqatti gurguratuun kan achitti guuraa bahe Wayyaanee mataa isaa ti. Godaantonni haala kanaan biyyoota ambaa keessatti balaa lubbuu isaanii irra gahaa jiruuf kan itti gaafatamu qaama kamiinuu caalaatti Wayyaanee dha kan jennuufis kanumaafi.
Eega sababni rakkoo kanaa mootummaa Wayyaanee mataa isaa tahee, furmaanni rakkoo kanaas sirna Wayyaanee kan biyya ofii irratti hojjetanii guddachuu nama dhowwaa jiru kana irratti gamtaadhaan qabsaayuun mirga ofii kabajchiisuu qofa. Rakkoon godaantota kanaa gubbaan isaa yoo laalamu rakkoo dinagdeeti haa jedhamu malee, hundeen isaa inni guddaan dhiibbaa siyaasaa akka tahe beekamee furmaata siyaasaa argachuu qaba. Godaantonni Oromoo fi kan biroo biyyoota ollaa fi Baha Giddu Galeessaa keessatti hojii barbaachaaf bobba’anii ajjeefaman, reebaman, qaamaa hir’atan, hidhamanii fi humnaan qabamanii biyyatti deebifaman hundi wanni wal gaafachuu qabanis isa kana. Oromiyaa irratti gariin hojjetee yoo millionaire tahu, ani maaliifan hojjedhee bayyanachuu dadhabe? Maaliifan godaantummaaf saaxilamee salphifame? gaaffii jedhu of gaafatanii deebii isaa irras gahuun furmaata taha. Deebiin isaas ifaa dha. Kan biyya abbaa isaanii magartuu fi gabbattuu san irraa tooftaadhaan dhiibee isaan godaansisee ofii saamee ittiin sooromaa jiru dabballoota Wayyaanee ti. Kun homaa shakkii hin qabu. Haala kana jijjiiruuf biyya ofiitti deebi’anii qindaawanii qabsaayuun furmaata waa maraa taha!
Furmaata maayyiif qabsaawuun rakkoo fakkaataa deddeebi’ee biyyoota ambaa keessatti mul’atu kana irra aanuuf gargaara. Ummatni Oromoo ala jirus sagalee kanneen hiraarfamanii tahuun iyyachaafii qabsoo isaa finiinsuu qofaan rakkina kanatti xumura gochuun akka danda’amu hubatee socho’uun dirqama.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Infoo Deeskii ABO
Sadaasa 20, 2013

No comments:

Post a Comment