Sadaasa 10,2013 Gabaasa QB Finfinnee 

DSC01251Sadaasa 9 Guyyaa Yaadannoo FDG hundeeffamma yeroo 8ffa Oromiyaa bakka adda addaatti kabajame oolera. Madda gabaasaa adda addaa Yuuniversitiiwwan irraa nugahan walitti qabaadhaan kan dhiyaatu yuuniversitii Finfinnee fi Yuuniversitii Amboo irratti guyyaan haraa guyyaa itti barataan Oromoo qabsoodhaaf waamicha waliif godhee jiruudha. Kunis yaadannoo yeroo 8ffaa FDG gaggeeffame mootummaa abbaa irree umurii isaa guutuu uummata biyyattii addatti uummata Oromoo garboomsee jiraachuuf akeekkatee jiru dura dhaabbachuuf buuureffame yoo tahu,kana yaadachuudhaan gabaasota guyyaa haraa Sadaasa 9 kabajamee oole irraa dhiyaatu wal duraa duubaan:
1. Yuuniversitii Finfinnee irratti-yuuniversitii kiiloo4, 5 fi 6 bakka tokkotti walitti dhufuudhaan guyyaa guutuu kabajaa kana irratti kan hirmaataniidha. Hirmaattootni Sadaasa 9 ilaalchisee guyyaa yaadannoo FDG kana irratti argaman barataa,barsiisaa fi hojjetoota garagaraa yuuniversitii keessaa hojjetan nuufis yaadannoodha jedhanii yeroo jalqabaaf kan irratti hirmaatanis kan jiraniidha. Walii galatti guyyaa yaadannoo kana irratti kan argaman namoota hanga 242 kan taaniidha. Guyyaa kana ibsoota.waadaa qabsootti hiriiruu fi mootummaa abba ahirree dura dhaabbachuuf yeroo itti murteeffannaadhaan kanneen irratti argamaniidha.
Gutummaan Gabaasa Yuuniversitii Finfinnee fi Aboo kanatti hidhatee jira:- FDG Sadaasa