Pages

Saturday, July 6, 2013

Kitaaba Haarawaa: Kudhaama Seenaa

Kitaaba Haarawaa: Kudhaama Seenaa

Kitaaba maqaanisaa Kudhaama Seenaa jedhamu ,obbo Leellisaa Aadaa Bantiin barreeffamee maxxanfamee bahee jira. Kitaabni kun Seenaa saba oromoo fi uummata Kuush, Seenaa saboota Amaaraa, Tigiree, Agaw, Shinaashaa fi kan isaan fakkaatan, seenaa dhalootaa fi babal’ina Amantii Kiristaanaa fi Isilaamaa, akkasumas Aadaa, Duudhaa fi amantii Waaqeffannaa ilaalchisee qorannoo fi ragaa bal’aa waliin ibsa.
Kitaaba kana dubbisuun hubannoo fi beekumsa Seenaa fi Eenyummaa keenya irratti qabnu, tokkummaa fi garaagarummaa Amantii Waaqeffannaa, Kirisitaanaa fi Isilaamaa gidduu jiru, walitti dhufeenya Aadaa fi Amantiin qabu xiinxaluu fi hubachuuf nu gargaara. Kun dhugaa ta’uu mirkaneeffachuuf Kudhaama Seenaa bitaa dubbisaa!
Gadaa.com
Yoo kitaaba kana dubbiftan dhaamsa isaa qaamaa fi qalbiitti kudhaammattu, akkasumas dhagaa tokkoon shimbira lama rukuttu. Tokko, Seenaa kanaan duna hin dubbisiin ykn hin dhageenye argattu. Lama, guddinaa fi dagaagina Hogbarruu Afaan Oromoof gahee keessan gumaachitu.
Walmalee hin qabnu, walhaa tumsinu!

No comments:

Post a Comment