Pages

Thursday, February 27, 2014

Barattooti Mooraa Kolleejjii Barsiisota Kotobee Diddaa Gabrummaa Eegalan

Dhiha Oromiyaa Wallagga, Ona Limmuu Ebantuu fi Aanota Adda Adda Addaa Keessatti Gaaffiin Mirgaa Barattootaan Ka’e Daran Jabaachuun Beekame

(Qeerroo.org – Gurandhala 26, 2014 Naqamte) – Saboontootni baratootni Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Onotaa Wallagga Bahaa manneen barnoota akka: M/B Haroo Limmuu sadarkaa 2ffaa, M/B Leeqaa Dullachaa sadarkaa 2ffaa, M/b Ukkee sadarkaa 2ffaa, M/B Jimmaa Arjoo, M/B Kiramuu sadarkaa 2ffaa, jedhaman keessatti argaman gaaffii mirgaa qabna gaaffii keenya nurraa fuudhaa jechuun directors mannen barnoota kanneenitti dhiyeeffachuun hanga gaaffiin mirga fi mirgi uummata Oromoo kabajamutti nurraa hin fuudhamnetti barachuu hin dandeenyu, mirga hin qabnu, rakkoo keenyaa fi rakkoo uummata keenya hiriira bahuun ibsanna mirgi hiriira nagaa gochuu fi rakkoo ofii ibsachuu nuf haa eeyyamamu jechuun gaaffii FDG kaachiisan. saboontotni baraatootni Oromoo kun dhaadannoo Oromiyaa ni bilisoomti (Oromia shall bee free), ka’ii ummata Oromoo mirga kee falmadhu, qabeenyaa uummata Oromoo saamuun dhaabbachuu qaba, Oromoo ilaalcha siyaasaan qoqqodanii bituun ni dhaabbata, dhaaba keenya tokkicha ABO ni jaallanna, Ummatni
Oromoo abba biyyati, Ummatni Oromoo lafa isaa irratti of bulchuu qaba, yoo Mirgi Oromoo kabajame malee nagaa fi Misoomni guddinni itti fufinsa qabu dhufuu hin danda’u.
Kanatti dabalees mirgi dimookiraasii nuf kabajamuu qaba. hidhamtootni siyaasaa Oromoo fi kaanis hundi gadhiifamuu qabu, Oromiyaan mootummaa mataa ishee malee waggoota 23 dabarsitee jirti amman booda mootummaa mataa keenyaa hundeeffachuuf ni qabsoofna, dhaadannoolee jedhan uummata keessa fi baratootni walii isaniif rabsuun diddaa Wayyaaneef qaban argisiisuun jaalala ABOf qaban mul’isa jiru.
Haaluma walfakkatuun Onoota kanneen keessatii fi Onotaa guutummaa godina wallaaggaa bahaa cufa keessatti barruun warraaqsa FDG bittinneefamuun dhaaba lukkee wayyaaneetti yaadddoo dhalchee halkanii guyyaa wardiyyaa dhaabbachaa jiraachuun gabaafamera.
Maatii fi uumanni Oromoo jiraattota naannoo ta’an gaaffii barattootaa hordofuun ykn cinaa dhaabbachuun gaaffiin keenya fi gaaffiin baratoota keenyaa yeroo garaagaratti dhiyeessa turre deebii argachuu qaba, jechuun guraandhala gaafa 25/2014 Onotaa akka Limmuu Galiilaa, Haroo Limmuu, Sassiggaa fi kiramuu keessatti uummanni hanga gaaffiin keenya deebii argatutti mootummaa wayyaaneef gibra hin kaffallu, walga’ii wayyaneen gootu hin hirmannu, ajaja gama kamiin iyyuu lukkee wayyaanee irraa darbu hin fudhannu, wayyaanee irratti fincillee mirga keenya ni kabachiifanna jechuun uummanni murtee waliifdabarsee jira.
Ergamtootni Wayyaanee haala sochii diddaa FDG uumamaa jirutti rifachuun humna poolisaa kora bittinneessaa jedhamuu Onoota hundaa irra qubsiisuu fi uummata ittin sodachiisuf halkanii guyyaa uummata keessa baattee fiiga jirachuun gabaafamera.
Kana malees barruuleen FDG Godina Wallagaa dhihaa magaalawwaan akka Mandii, Ginbii, Danbii Doolloo fi Gullisotti bittinneffamuun lukkele Wayyanee wareersaa jirachuutu gabaafame jira. uummannis waamicha dhaabni kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo ABO irraa bifa garaagaran godhamaa jirutti gammachuu gudda qabachuu isa FDG mul’ifachuuf qophii xummuraa jiraachuu isaa gabaasa nu qaqqabe irra hubanne jirra.
——————————

Barattooti Mooraa Kolleejjii Barsiisota Kotobee Diddaa Gabrummaa Eegalan

(Qeerroo.org) – Guraandhala 26 mooraa Kolleejjii barsiisotaa kutaa magaalaa Finfinnee Kotobeetti argamu keessatti barattootni Oromoo dhimma qabxiin wal qabsiisanii diddaa kaasuudhaan mootummaan Wayyaanee diddaa kana qabbaneessuuf jecha tikoota isaa mooraa kanatti remade jedha Qeerroon koollejjii mooraa barsiisota Kotobee irra.
Akka madda gabaasa Qeerroottii kaleessa Guraandhala 25 barattooti wal gayii teesisuudhaan qabxiilee ejjennoo lama kaayyatan.
Kanaan booda qabxiin dhaabbataa (fixed) ta’a malee akka argannoo qabxii mitii kan jedhu barattootatti himanii waan jiraniif barattootni yaada kana hin fudhannu,nu miidhuu barbaannaan kallattiidhaan akkuma nu miidhaa jirtaniitti itti fufuu dandeessu gaggeeffamni qabxii akka kanaan duraatti itti fufuu qaba jedhuun gaafachuu fi yoo mootummaan kan dide barnoota dhaabuun gaaffiin mirgaa akka itti fufamu.
Gaaffiin mirgaa biyya Itiyoophiyaa keessatti ka’ee jiru kan haqaa fi kan mirgaa waan ta’eef cinaa ni dhaabbanna. Hidhamtooti yakka malee maqaan siyaasaan hidhaman akka gadhiifaman, warri lafa irraa buqifaman qe’eetti akka deebi’an.
Kanneen jedhan yeroo ta’u barumsa dhiisanii mooraadhaa bahanii kan turan yoo tahu,har’as addatti diddaa bakka hundaatti eegalee jiruun wal qabsiisanii barattootni Oromoo mooraa kanatti argaman mooraa keessatti waraqaa qabsoo adda addaa maxxansuudhaan,fincila kaasanii kan turan yoo tahu waraanni Wayyaanee meeshaa guutuu qabachuudhaan doorsisaaf gara mooraa koollejjii kanaatti ramadamanii oolan guutummaa guyyaa har’aa.akkasuma akeekkachiisa dhumaa yoomiyyuu hin barbaannu hoogganamuu kan nu hoogganu qabna,rasaasaan nu fixuuf dhuftanii jedhuun gaafffii isaanii dabalataatiin ammas diddaa mooraa keessatti kan jabeessan yoo tahu barataan mooraadhaa hin bahu,waraanni Wayyaanee mooraa koollejjii kanaa marsee kan jiru ganamaa ka’ee halkan kanas kan itti fufee jiru tahuu isaa Qeerroon gabaasee jira.
Barattootni barumsaaf fedha akka dhabanii fi roorrifamuu irraa walaba tahuu feena kan jedhus dhaadannoo tikoota Wayyaaneetti dhageessisaa jiru,diddaan isaanii akka itti fufu gabaasaa Qeerroo irraa hubatama. FDG bakka hundaatti itti fufa!

No comments:

Post a Comment