Pages

Monday, January 27, 2014

Kabajjaa Guyyaa WBO Biyya Jarmanii

Kabajjaa Guyyaa WBO Biyya Jarmanii

Posted: Amajjii/January 27, 2014 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (1)
Tokkumma Barattoota Oromoo Biyyaa Jarmanii (TBOJ) Union of Oromo Students in Germany (UOSG)
Tokkumma Barattoota Oromoo Biyyaa Jarmanii (TBOJ)
Union of Oromo Students in Germany (UOSG)
Kabaji guyyaa Waraana bilisummaa Oromoo gaafa 18/01/2014 sa’aa 13.00 irra eegalee eebba maanguddoota Oromoo amantaa garaa garaan baname. Guyyaa WBO kana hawaasni Oromoo biyya germanyf dhaaboliin siyaasa Oromoo bakka garaa garaarra kan irratti afeeramanidha. Walga’ii kanarratti yaadannoo gootota Oromoo wareegamaniif dungoon qabsiifamee faarun alaabaa Oromo faarfatameera.
Matadureen walga’ii erga beeksifameen booda barumsi namoota garaa garaan kennameera.
Durataa’aan tokkummaa barattoota Oromoo Bayer Luba Mulugeeta Girang sababa bu’uureffamuu qabsoo bilisummaa Oromoo bara Minilik 2ffaa kaasee qabxilee:-
• Qabsoo eegaluu saba Oromoof sababa kan ture
• Mootummaa minilikii kaasee rakkoo saba Oromoorra ga’aa ture irratti barumsa ballinaan kennaniiru.
Kabajjaa Guyyaa WBO Biyya Jarmanii
Kabajjaa Guyyaa WBO Biyya Jarmanii
Barreessaan TBOM Obbo Tamaam Yasin waraana bilisummaa Oromoo ijaarun maaliif akka barbaachise akkasumas bu’aan waraanni bilisummaa Oromoo argamsiise maal akka ta’e ballinaan ibsaniiru. Qabsoon WBOn godhe-
• Oromoon akka ofbaru
• Biyyi Oromoyaa jedhamtu daangaan adda baatee akka beekamtu
• Aadaaf seenaa afaan saba Oromoo kanbeeksise ta’uusaa ibsaniiru. Akkasumas guyyaan WBO Amajjin 1 maaliif kabajuun akka barbaachisellee ibsaniiru.
Kabajjaa Guyyaa WBO Biyya Jarmanii
Kabajjaa Guyyaa WBO Biyya Jarmanii
Walaloon bareedaa gootota Oromoo faarsu dargaggoo Oliyadi f dargaggoo Baahiru dhaan dhihaateera.
Durateessuun TBOJ adde Boontuu duula yeroo ammaa habashaan ummata Oromoorratti gochaa jiru kana dura dhaabbachuuf Oromoon tokkummaasaa cimsachuu akka qabu waamicha dabarsaniiru.
Xumurarratti yeroon gaaffiif deebii ballinaan akkasumas mariin ballinaan erga godhamee booda ibsi ejjennoo armaan gadiittii caqasamee nutii miiseensoonii TBOM fi TBOH kabaja guyyaa WBO kana sababeefachuun ibsa ejjano keenyaa akka armaan gadittii dabarfanee raa.
Ibsa Ejjano:
1. Seera shororkeessummaa isa tumatee jirutti hirkachuutiin wayita uumani Oromoo mirgasaaniif gaaffii dhi’eessanii, qabeenyasaaniirraa buqqa’uu fi saamamuu mormantti moottumaan TPLF wayyaanee hidhaa, ajjechaa fi dararrii saba keenya irraan ga’u nii mormina, nii balaalleffanas.
2. Bilisummaa Oromootiif bifa adda addaatiin karaa isaanii mijate qabsaa’u kessatti qooda fudhachuun beektotni, dargaggootnii fi abbootiin Oromoo mana hidhaa bulchiinsa wayyaaneetti dararaman haal-duree tokko malee akka hiikaman cimsinee gaafanna.
3. Dargaggota, barratoota, beektota, qote bultoota, daldaltoota Oromoo fi kan biros mirgasaaniif falmuuf jecha hidhaa, reebicha fi ajjeechaa mootummaa wayyaanee utuu homaatti hin lakkaa’in bakka hunduatti dura dhaabachuun qabsoo bilissumaa Oromoo geggeessaa jiran nuti miseensonni Tokkummaaa Barratoota Oromoo Jarmanii dame Bayern fi Hessen qabsoo isaanii kana galmaan ga’uudhaaf tumsa goona.
4. Sababa rakkoo siyaasatiif, akkasumas baratanii sababa miseensa yookaan deggertoota mootummaa TPLF wayyaanee hin taaneef qofa hojii dhabuurraa kan ka’e dargaggootni ilmaan Oromoo fi lammiiwwan Itiyoopiyaa biroo reebichaan lubbuunsaani biyya Arabaatti darbeef bulchiinsa mootummaa wayyaanee ni balaaleffanna.
5. Sababa mirga amantii isaanii sarbame gaafachuudhaaf hiriira nagaa magaalaa Finfinnee fi Arsii keessatti geggeessaniif rasaasa loltuu wayyaaneetiin kan ajjeefamaniif mootummaan Itiyoopiyaa itti gaafatamaadha.
6. Harr’a dhaaba siyaasaa biya Itophiyaa keessatti maqaa mormituu mootumaa Itoophiyaatiin of ijaaree karaa biraamoo uumata Oromoo seenaasaa fi adaasaa, afaansaas balleessee koloneefachuuf sirna Minilik II as deebisuuf lafa cira jiru kan akka Samaayawii Party (Blue Party)gochasaa nii balaallefanna; dura dhaabbanas.
7. Tooftaa, tarsiimoo fi sochii hiddi nafxanyootaa warra ilmaan Minilik II ta’an uummatta Oromoorratti hojjetan bifa kamiin iyyuu dura dhaabbana.
8. Rakkina Saba kenyaa furuuf Qabsoo bifa kam iyyu geggessuun mirga kenya fi dirqama lammumma kenyaa hubachu dhaan har’aas Qabsaa’oota Bilisummaa Oromoo walhubanno fi waliigalteen gara tokkumaatti akka dhuufani fi qabsoo jalqabame tokkummaahaan fiixaan akka baasnu waamicha kenya kabajaa dabarsina.
9. Biyyonni ilmaan Oromoo rakkoo siyaasatiif jecha itti baqatanii jiran soba mootummaa wayyaanee dhageefachuu dhiisanii rakkina saba Oromoo gad fageenyaan hubatanii mirga baqqattummaa akka kennan gaafatna.
Injifanoon Ummata Oromoof
Frankfurt/Main, 18.01.2014

Gadaa.com
Gadaa.com
Gadaa.com
Gadaa.com
Gadaa.com
Gadaa.com
Gadaa.com
Gadaa.com
Gadaa.com
Gadaa.com

No comments:

Post a Comment