00:00
00:00
Sadaasa 8,2014 Guyyaan Yaadannoo FDG Sadasni 9 marsaan 9ffaa gootota Qeerroo barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaan jalbultii isaa irraa eegaluun haala ho’aa ta’een kabajamaa jira.
Goototni Qeerroon dargaggootni baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa mooraa arfan main Campus, Agriculture, Sayinsii fi Teekinooloojii, Economics and Bussiness fi Kolleejjii barsiisota Jimmaan haala ajaa’ibsiisaa ta’een kanbajamuu egalee jira. Goototni
Qeerroon barattootni Oromoo sagalee faaruu goototaa dhageesisuun gootota ilmaan Oromoo bilisummaa saba isaaniif jecha wareegama lubbuu baasan farfachuun namoota dhuunfaa, akka walitti dhufeenyaa fi caasaa ijaarsaa fi miseensotni Qeerroo barattoota Oromoo addaatti bifa qinda’een Sadaasa 9 yaadannoo FDG marsaa 9ffaan bifa adda ta’een kabajamuu eegalee jira.
Goototni barattootni Oromoo goota bilisummaaf wareegameef hin boo’an ni faarsu malee jechuun walleelee warraaqsaa kaachisuun gootota ilmaan Oromoo bilisummaa saba isaaniif wareegaman faarsuun jabaatee itti fufe, walleelee warraqsaas kaachisuun kaayyoo goototni ilmaan Oromoo irraatti wareegamaa jiran galmaan ga’uuf muratnoo fi kutannoo qabsoo bilisummaa Oromoof qaban ifatti diinatti argisiisan.
Addatti immoo mooraa Saayinsii fi Tekinooloojii keessatti Qophii anaa dhufuu barattoota haaraaf gumii guddina, aadaa, seenaa fi afaan Oromoo waliin qindeessuun, sirnni yaadannoo sadaasa 9 guyyaan FDG marsaa 9ffaa kabajameera. Walleeleen warraaqsaas itti fufinsaan qabsiifaman, goototni barattootni Oromoo mooraa keessa gara Magaalaa Jimmaatti gadi ba’uun daandii cufuuf wayita sochii cimaa gochaa jiranitti human waraanaa guddaa Magaalaa Jimmaa fi Yuunibarsiitii Jimmaa eegaa jiruun ittifaman . Walleeleen Warraaqsaa kanneen akka:
”Siifan lolaa uummata narra hingortuu, siifan lolaa yaa lola Eeboo,hin beeloftee moo hin dheebotte yaa Abo , hin beelofnee hin dheebonnee seena baddee na boosisa yaa abo, akka Taaddee Birruu, akka Abishee Garbaa, Akka Maammoo Mazammir, Akka Laggeesee Wagii, akka Tasfuu Camadaa, Akka Jaagamaa Badhaanee, akka Alamayyoo Garbaa, akka Gaadisaa hirphaasaa siifan loolaa uummataa narra hingortuu, gumaa ijoollee keenyaa Uummataa nargortuu, kaanee haabafannuu uummataa nurraa gortuu, hanga bilisummaa qabsoon itti haafuftuu, kan jedhuu fi
Sirba hirphaa Gaanfurree, Bishaan Oromiyaa caffee keessa yaatii fi wallee warraaqsaa Eebbisaa Addunyaa ”eenyu isheen daangaa Oromoo tuqxuu irra ejjettee Morma ishee hin kuttuu”‘ jechuun Ilmaan gootaa gootota ilmaan Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo irratti wareegaman yaadachaa bulan.
Kana Maleessi barruuleen Warraaqsaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo qabatee fi Dhaadannoo garaagaraa qabsoo bilisummaa Oromoof nama onnachiisaan of irraa qabu, magaalaa jimmaa fi Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti uummataaf raabsaman, magaalaa keessattis haalan bittinneeffamaman, suuraan gootota Oromoos uummataa fi Qeerroon waliif kennaa jiraachuun ibsamera. haaluma kanan walqabatee FDG guddaan dhalachuuf jira jechuun mootummaan Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa seenuun human waraanaa guddaa maqaalaa Jimmaa keessa mooraa ”Waraana dhihaa” kutaa 12ff jedhamuun beekamu keessa gadi yaasuun halkan guutuu magaalaan Jimmaa fi Yuunibarsiitiin Jimmaa Waraanaan eegamaa jirti. Soda guddaa sochii kana irraa qabduunis Wayyaaneen tajajila Interniitii fi Network ukkamsaa jiru.