Gabaasa Qeerroo Fulbaana 18,2014 Amboo
diddaa9Fulbaana 17,2014 Godina Shaggar lixaa Aanotaa garaagaraa irraa mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo loltuu Dargii turan gandoota keessa walitti qabuun  walga’ii ololaa kan qabsoo Oromoo dura dhaabbatuu fi olaantummaa fedha Habashootaa tiksu itti fufee uumanni loltoota Dargii turan duraanii gaaffii mirgaa itti kaasan. Loltooti kun ilaalcha Ithiyoophiyuummaa ni qabaatu sababa jedhuun waamichi kun ta’es jarreen kun olola qondaalota Wayyaanee kana hin fudhatne.
Godina Lixa Shaggar Aanotaa akka Midaa Qanyii, Calliyaa Geedoo, Iluu Galaan Ijaajjii, fi Baabbicha irraa aanaa Calliyaa Geedoo irratti ilmaan Oromoo loltoota Dargii ta’an walitti kan qabaman yeroo ta’u  walga’iin Wayyaanee guyyaa tokkotti bu’aa tokko malee fashalaa’e.
Ilmaan Oromoo haala kanaan walitti qabaman kunneen nuti isin hin barbaadnu, walga’ii keessanis hin teenyu, isin warraa qe’eetti dhukaasee nama ajjeesudha, warraa barattoota rasaasaan reebudha, warra lafa irraa Oromoo buqqisuudha, warraa afaan qawweetti amanudha jechuun walga’ii wayyaanee fi akeeka Wayyaanee dura dhaabbatan.
Kana malees  Fulbaana 16,2014 FDG goototni  Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaatti maqaa walga’ii ololaa Wayyaanee marsaa 2ffaaf walitti qabaman  guyyaa kaleessaa Walga’ii Wayyaanee hin fudhannuu jechuun guyyaa guutuu galma walga’iitti seenuu diduun walga’iicha dhabaan.
Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaatti wallaggatti walitti qabaman gaaffii mirgaa gaafachuu ergamtootni Wayyaanee walga’icha gaggeessan kan Zalaalem Jamaneedhaan hogganaman akka barattootni gaaffii hin gaafatne gaaffii barattoota irraa fuudhuu diduun gaaffii barattoota ugguraa waan jiraniif  barattootni gaaffii keenya nurraa fuudhaa deebii nuuf kenna jechuun mormii kaasuun walga’ii wayyaanee dhaaban. Guyyaa Har’aa mootummaan wayyaanee humna poolisii federaalaatti fayyadamuun dirqamaan akka galma walga’ichaa seenaan ta’uus barattootni Walga’iin kun nu hin ilaallatu hanga gaaffiin keenya nurraa fuudhamuu fi gaaffiin gaafachaa turre deebii quubsaa argatutti FDG garbummaa itti fufa jechuun dhaamsa waliif dabarsan.
Yuunibarsiitii Amboottis haaluma walfakkaatuun barattootni Oromoo gaaffii mirgaa akka hin kaafneef humna waraanaatiin dhorkaman, namni gaaffii tokko gaggeesitoota Wayyaanee gaafate, walga’ii kana irraas ni arii’ama, gara mooraa Yuunibarsiitii kamii seenee barachuu hin danda’uu jechuun barattootatti yeroo dhaadatan ;Goototni barattootni Oromoo Godina Lixa Shaggar irraa  Yuunibarsiitii Ambootti walitti qabaman barnootni bilisummaa booda, ” sodaa abjuu hirriba malee hin bulan” dabbaloota Wayyaanee rifaasisan. Sochiin barattoota Oromoo daran jabaachaa adeemu mootuummaa Wayyaaneetti mataa dhukkubbii ta’aa jiraachuun ibsame jira.