Breaking News -Mootummaan Wayyaanee Fiilmii Dokumentarii Dhara Kan Sochii ABO fi Daraggoota Oromoo Akkasumas Walii Gala Qabsoo Oromoo Hadheessuu Irratti Kan Xiyyeefate Har’a Galgala TV Isaa Irratti Dhieessuuf Karoorfate.
Mootummaan
Wayyaanee Fiilmii Dokumentarii dhara irratti hundaa’e kan sochii falmii
mirga abbaa biyyummaa ummatni Oromoo fi barattootni/Qeerroon ilmaan
isaa geggeessan akkasumas sochii ABO gooltummaatti hidhuun qopheeffate
Adoolessa 23,2014 guyyaa har’aa karaa TV. isaan dhiheessuuf
saganteeffatee akka jiru ifa galaa dha.Akka oduu SBO dhaqqabeetti mata
dureen dokumenterii fiilmii wayyaanee kun “Shibbirtanyoochi” kan jedhu
yeroo ta’u, guyyaa har’aa galgala keessaa sa’aa 10:00 irratti dhihaachuu
akka danda’u oduun kun akeekeera.Dokumentarii fiilmii dharaa wayyaaneen ABO irratti ittiin ololuu fi gaaffii mirgaa barattootni Oromoo fi sabboontotni gaafatan jal’isuun gooltummaatti hidhuuf yaalaa jirtu kana
keessatti namootni Oromoo ta’an kanneen dirqisiifamanii fi maallaqaan
bitaman 42 ta’an akka keessatti hirmaatanii jiranis oduun kun ifa godha.Fiilmii dokumentarii Baddannoo jechuun kan ammaan dura wayyaaneen qopheeffattee ittiin ABO irratti ololaa turte keessatti namootni hirmaatanii dhara lallabaa turan iccitii baasu jedhamanii gariin isaanii akka ajjeefaman kan beeksise oduun kun, kanneen amma fiilmii dharaa kana keessatti hirmaachifamanis hireen isaanii yeroo eeggatee kana irraa adda akka hin taane hubachiisa.
Diddaan ummata Oromoo, falmiin mirga abbaa biyyummaa fi gaaffiin mirga ofii kabajsiifachuu ummatni Oromoo fi barattootni/dargaggootni/Qeerroon ilmaan isaa baatiileef geggeessaa jiran hidhaa fi ajjechaan dhaabbachuu waan dideef, sirnichi sochii karaa nagaan mirga ofii falmatuu ummata Oromoo fi ilmaan isaa kana gara dabarsee sochii gooltummaa fakkeessuuf ijibbaatni mootummaan Wayyaanee fi ergamtootni isaa godhan dhugaa ykn haqa lafa irra jiru jijjiiruu kan hin dandeenye ta’uus sabboontotni Oromoo hubachiisaniiru.
Fiilmii dokumentariin dhara irratti hundaa’e kan ummata Oromoo, barattoota/Qeerroo fi ABO goolessitoota fakkeessuu fi sochii jiru gooltummaatti hidhuu irratti fuulleffate mootummaan wayyaanee gola isaa keessatti karaa dabballootaa fi ergamtoota isaan qopheeffatee ittiin ololuuf fiigaa jiru kun, fiilmii dokumentarii ammaan dura yeroo gara garaatti qopheeffatee ittiin ABO fi QBO irratti ololaa turee fi bu’aa tokkollee irraa dhabeen adda akka hin taanes ibsameera.
Wayta QBOn jabaachaa, ummatni Oromoo fi ilmaan isaa gaaffii mirgaa cimsaa fi babal’isaa deeman akkasumas yeroo filmaatni jala ga’u mootummaan wayyaanee olola dharaa geggeessuun, waan hin jirre uumee hafarsuun yaadaa fi qalbii namaa gara biraatti harkisuuf, deggersa ummataa argachuuf shira irratti shira xaxuu fi dalagaa faallaa raawwachuun kan beekamuu dha kan jedhe oduun kun, ammas waanuma bare
amala isaa mul’ifataa jiraachuu addeesse.Kana
waan ta’eef, ummatni Oromoo,
sabboontotni, barattootni/dargaggootni/Qeerroon olola afanfajjessaa
dhara irratti hundaa’e, kan dokumentarii fiilmii “Shibbirtanyoochi”
jedhee wayyaaneen ittiin ololuuf deemu kanaaf osoo gurra hin ergisne
gaaffii mirgaa, falmii mirga abbaa biyyummaa fi kabajamuu mirgootaa
gaafataa jiranitti jabaachuun qabsoo finiinsuu akka itti fufan
sabboontotni Oromoo fi Hoggansi Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhaamsa
dabarsee jira.Mootummaan wayyaanee FDG barattootnii fi ummatni Oromoo geggeessaa jiran, akkasumas ABO irratti kijibaan ololuuf dokumentarii fiilmii dharaa qopheeffachaa akka jiru gabaasa bal’aa bifa barruun qophaa’e armaan gadii kanaan kana dura saaxiluun keenya ni yaadatama. Ammas barruu kana irra deebiin dubbistanii akka hubattaniif yeroo lammataaf maxxansuuf dirqamneerra.
No comments:
Post a Comment