Pages

Sunday, June 1, 2014

Mootummaan Wayyaanee Humna Dabalataa Maqaa Jedhuun Gaafatamoota Tikaa 18 Magaalaa Amboof, Humna Tikaa fi Bulchiisa Naannoo Jechuun Ammoo 3 Xuqur Incinnitti Ramade

Qeerroo: Mootummaan Wayyaanee Humna Dabalataa Maqaa Jedhuun Gaafatamoota Tikaa 18 Magaalaa Amboof, Humna Tikaa fi Bulchiisa Naannoo Jechuun Ammoo 3 Xuqur Incinnitti Ramade

(Caamsaa 30, 2014 – Gabaasa Qeerroo Amboo) – Magaalaa Amboo fi Nannoo isheetti poolisootni dhalootaan Oromoo hin ta’iin barattoota Oromoo dararaa jiraachuun saaxilamera. Haala kanaan ilmaan Oromoo illee nyaatni maatii irraa yoo dhufeef irraa fuudhanii lafatti darbachuun millaa kan dhidhitan ta’uun gabaafamera.Haaluma kanaan kenneen Magaalaa Ambootti ramadamanii Oromoota bifa isaan barbaachise maraan dararaa jiran keessaa:-
1. Ajajaa Poolisii Laggasee Mannayee dhalootan Amhaara, kan hidhamtoota Oromoo reebichaan darara jiru fi nama nyaatni illee hidhamtoota ilmaan Oromoof yoo maatii irraa ergameef harkaa fudhee millaan awwaara keessatti dhidhiita jirudha.
2. Poolisii Dhugaasaa kan jedhamu,kan barattoota Oromoo reebuun ilmaan Oromoo qaama hir’isaa jiru.
3. Leejjisaa Jootee Baasaasaa olaanaa yeroo garaagaraatti ilmaan Oromoo dararaa tureeammas itti jiru.
4. Gizaachoow Kumsaa Itti gaafatamaa dhimma nageenya Godina lixa Shawaa, nama qajeelfama Wayyaanee uummata karaa nagaa gaaffii dhiyeeffacha jiru irratti dabarsite fudhatee uummata Oromoo magaalaa Amboo rukuchiise keessaa isa tokkodha.
5. Yibalxaal Warquu itti gaafatamaa basaasaa Wayyaanee ta’ee m/b Amboo sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina irratti kan ramadamee gochaa diinummaa dalagaa kan jiru.
6. Dajanee Kabbadaa, qondaala tikaa Wayyaanee barattootaa fi Yuuniversitii fi barsiisota irratti kan ramadame.
7. Dandanaa Eejjetaa basaasaa Wayyaanee, hojiin idlee barsiisa.
8. Baashawu Mangashaa basaastuu Wayyaanee hojiin idilee konkolaachisaa fakkaatee uumata konkolaataa fe’u irratti akka basaasu kan ramadame.
9. Kalifaa Sheek Musaa barataa Yuunibarsiitii Amboo Farmasiistii waggaa 5ffaa barachaa kan jiru.
10. Begaashawu Dabalaa ajajaa pooliisii mooraa Yuunibarsiitii Amboo fi basaasa ta’ee kan ramadame.
11. Xilaahuun Hoomaa Itti aanaa ajaja poolisii mooraa Yuunibarsiitii Amboo ta’ee kan ramadame.
12. Tammanaa Wachimoo Poolisii Basaastuu Wayyaanee ta’ee magaalaa keessaa fi manneen daldalaa irratti kan ramadame.
13. Makuriyaa Abarraa barataa seeraa waggaa 4ffaa Yuunibarsiitii Amboo, sanyii amhaara basastuu wayyaanee.
14. Fayisaa kan jedhamu bakkaa bu’aa OPDO mooraa Yuunibarsiitii Amboo.
15. Yuhaannis Kaasayee dhalootan Tigiree barataa mechanichal engineering waggaa 2ffaa Yuunibarsiiti Amboo keessatti diinii barattootaa irratti kan ramadame.
16. Yaared Tashoomee dhalootaan Tigree bulchiinsa Magaalaa Amboo keessa ramadame.
17. Kumalaa Abdiisaa dura taa’aa ganda 03 kan ta’eef barattoota Oromoo hordofsisee qabsiisuun diinatti dabarsee kennaa kan jiru.
18. Sintaayyoo bulchiinsa magaalaa Amboo keessa kan hojjetu, yeroo dheeraaf ilmaan Oromoo basaasuun hisisaa kan ture.
Xiqur Incinnii: Yeroo ammaa kanatti ergamtootni Wayyaanee aanaa Xuuqur Incinnii irratti ramadamanii uumata dararaa jiran keessaa gariin:
1ffaa Dhaabaa Badhaadhaa bulchiinsaa fi nageenya Aanaa Xiquur Inciinnii 2ffaa Alamuu Abdiisaa dura taa’aa waajjira OPDO aanaa Xiiquur Incinnii 3ffaa Immaanaa Hundeessaa Abbaa adeemsa hojii aanaa Xuuqur Incinnii keessattu barattootni Oromoo akka rukutamanii fi hidhamaniif kanneen yakka dalagaa jiran ta’uun beekamee jira.
Uummaanni Oromoo fi dargaggoonni Oromoo ergamtoota Wayyaanee kanneen hubatee osoo isaanii hin jilbeffatiin FDG itti fufaa jiraachuunis beekamee jira.

No comments:

Post a Comment