Pages

Wednesday, October 16, 2013

Yaadannoo Jaal Obsee Margo Waamicha Oromoota Hundaaf

Yaadannoo Jaal Obsee Margo Waamicha Oromoota Hundaaf

Gadaa.com
Jaal Obsee Margoo, Sabboontu Oromoo, kanneen qaaman ishee beekani fi kanneen fageenyaanis ishee waliin hojjettan biratti kabajamtuu fi Jaallatamtuu kan turte Onkoloolessa 11, 2013 Biyya Norway keessatti dhukkuba tasaatiin addunya kana irraa boqochuu ishee gaddaan dhageenye. J/ Obseen bara 1976 Dhiha Oromiyaatti kan dhalatte yeroo ta’u bara jireenya ishee guutu Oromummaa faarsuu fi ol kakaasuun qooda intala Oromoo tokko irra eegamu gumachitee dabarte.
J/ Obsee Margoo haadha warraa Hayyu Dure Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) J/ Dawuud Ibsaa turte.
Dhimma kana ilaalchisee nutis Dubartoonnii Oromoo Magaalaa Lakku kessa irru gaddi kun gadda Oromoo hundaa ti jennee amanna. Kanaaf jecha Yaadanno Obolletti keenyaa fi akkasummas sirna geggessaa isheetiif walitti dhufnee maatii gaddi kun irra ga’eefis sagalee jajjabina dhaamuuf qophii qindeessine jirra. Akkuma beekamu abban Warraa Oboleetti Keenyaa, J/ Dawuud Ibsaa itti gaafatama hadhaawaa fi ba’aa Seena baroota dheera dhaaf baate as ga’ee fi ammalle itti jiru kana irratti dabalatee gaddi daangaa hin qabne kun yeroo mudatu waan ilmi namaa baatu danda’u tokkoo ol waan ta’eef gadda Jaala kanaas irra hirmaatuun dirqama Seena inni itti jiruufis jajjabina isaaf dhaamun barbaachisa dha.
Kanuma irratti hundaa’uu dhaan guyya Yaaddanno J/ Obsee Margoo tiif qopheessine kana irratti warrii Gaddi kun isnitti dhaga’ame marti akka waliin hirmaannuuf ilmaan Oromoo hundaaf waamicha kabajaa dhiheessina.
Guyyaa: Onkololeessaa 19, 2013 (October 19, 2013)
Bakka: Oromo Community of Minnesota (457 Mackubin Street, Saint Paul)
Sa’aa: 10:00WD-7:00WB. (10:00 AM – 7:00 PM)
Yoo Gaffii qabaattan Bilbill Kenya:
612-203-4467 YKN 763-772-6754 YKN 763-377-2405
Gurmuu Dubartoota Oromoo Magalaale Lakku (Minneapolis/Saint Paul)

No comments:

Post a Comment