Pages

Tuesday, September 24, 2013

Irreechaa bara 2013 Kana’ratti Hundi Keenyaa Harka Wal-Qabannee Wayyaanee Haa Balaaleffannu

Baarentuu Gadaa | Fulbaana 24, 2013
Irreechaa bara 2013 Kana’ratti Hundi Keenyaa Bakka Itti Ayyaaneeffannutti Harka Wal-Qabannee Dhiittaa Mirga Namoomaa fi Ukkaamsaa Wayyaaneen Nurraan Gahaa Jirtu Haa Balaaleffannu, Adduunyaattis Sagalee Keenya Haa Dhageessifannu!
Impaayera Itiyoophiyaa keessa ayyaanoonni fi qophiileen sabaa fi sablammoonni biyyatti heeddumminaan irratti hirmaatan danuu dha. Ayyaanoonnii fi qophiileen kun baay’een isaanii kan amantiidhaan walitti hidhaman yoo tahan kaan isaanii ammoo kan mootummoonni abbootiin irree Impaayerittii bulchaa turanii fi jiran dirqiidhaan akka uummattoonni biyyattii irratti hirmaatan taasifamanii dha. Qophiilee fi sirni kabaja ayyaanota uummattoonni biyyattii keessattuu uummanni Oromoo heddumminaan fedhiidhaanis ta’ee dirqiidhaan irratti hirmaachaa ture heddu kaasun ni danda’ama. Kanneen uummanni Oromoos ta’ee saboonni Impaayera Itiyoophiyaa keessa jiran fedhiidhan irratti hirmaatan keessaa ; kan akka guyyaa Irreechaa/Waaqeeffannaa, Iida, fi guyyaa Dhaloota Kiristoosii fi kanneen biroo kaasuun ni danda’ama.
Itiyoophiyaa keessatti qophiilee dirqamaan mootummoonni abbootiin irree humnaan akka uummattoonni biyyattii bahanii kabajan taasisaa turanis heeddu tarreessuu dandeenya. Akka fakkeenyaatti bara mootii H/Sillaasee “guyyaa dhaloota isaa fi hangoo itti qabate” uummanni bahee kabajuun, hiriiruun, isaaf sagaduun dirqama ture. Bara Dargii ammoo guyyaa” Abiyootii” bahanii hiriiraan kabajuu diduun nama adabisiisa, farra warraaqisaatiis nama taasiisa. Bara ammaa; bara wayyaaneen uummattoota Impaayera Itiyoophiyaa keessa jiran humnaan dhiittee saamaa bulchaa jirtu kana keessa ammoo wanti hunduu caalaatti cimee guyyaan hiriiraa fi ayyaanaa mootumichaa dachaa heedduun dabaleera. Kan akka “Ginboot 20, ye higga mangisti qan, ye biheerasabooch qan, Ye baandiraa qan”, fi kanneen kana fafakkaatan hedduu dha. Irratti argamuuniis dirqama.
Qophiilee fi ayyaanoota mootummoota abbaa irreetiin qophaawan kana hundumaa yoo walitti qabnee laallu garuu kan faayidaa uumataatiif qophaawan osoo hin taane; sirnoota abbootii irree kana dheereessuuf kan akka waltajjii holoolaatti tajaajilanii dha. Mootummaan wayyaanee / IHDG ammoo sirumaawuu hiriiraa fi ayyaanoota ofii qopheessee uummattoota biyyattii humnaan irratti hirmaachisu itti hanqannaan yeroo ammaa kana akkuma argaa fi dhagahaa jirru sirna Irreechaa/waqeeffannaa, Guyyaa ayyaana amantaa Musliimaa, Kiristaanaa fi kanneen biroo waltajjii sanarratti argamuun keessas galuudhan akkan ani isin qajeelcheetti deemaa, akkan ani fedhuu fi hawwutti tarkaafadhaa jechaat jira. Guyyaa ayyaanni akka Irreechaa, Iidaa, kiristaanaa fi kanneen biroo kabajaman dabbaloota isaa bobbaasuun amantii gara dirree siyaasa wayyaanee/IHDGtti jijjirat jira. Oggantoonni amntoolee kanaa akka isa faarsan, akka isa deeggaranii fi isaaf sagadan taasisaat jira. Haala kanaanis uummattootaa fi Ordooftoota amntii gar-gar keennaa fi gurshaa adda addaatin qooduun wal dura dhaabbachiisuuf amma danda’e wixxirfachurratti argama. Yoo dafee itti yaadamee deemsi isaa kun gabaabatti cite malee gochaan wayyaanee kun uummata gabrummaa jala jiruf, uummata bilisummaa dheebootee jiruuf balaa guddaa qaba. Oolee bulee rakkina wal-xaxaa uumuu danda’a.
Uummattoonni biyyattii yeroo sirna waaqeeffannaaf, adaa isaanii agarsiisuudhaaf, ykn dirqiisiisa mootummaa wayyaaneetin iddoo tokkootti wal argan/dhufan ykn hiriira adda addaarratti hirmaatan waa heddu dalaguu danda’u. uummattoonni cunqurfamoonni biyyattii keessa jiran shira wayyaaneetiin wal-dura dhaabbachuu dhiisanii iddoo waaqeeffachuuf walitti qabamniittis haa tahu iddoo hiriira adda addaatiif walitti dhufanitti humna isaanii iddoo tokkootti walitti dhufe sana faayidaa walootiif, kabajamuu mirga isaaniitii fi bilisummaa isaanitiif oolfachuu danda’u. Keessattuu uummanni Oromoo yoo itti yaadee, karoorfatee ka’ee mirga isaa kabachiifachuuf iddoon akka Irreechaa, masijiidaa fi mana amantaa kiristaanaa bakka olaanaa qaba. Madda jijjiramaa fi sirreefama sirnaa ta’uu danda’a. Kanaaf fakkeenya guddaa tahuu kan danda’u qabsaawaa mirga gurraachoota Ameerikaa kan ture DR. Maartine Lutter King 2ffaa dha. Ka’uumsi nama kabajamaa fi jaalatamaa kanaa fi Ordoftoota isaa mana amantaa Kiristaanaa ture waan ta’eef.
Har’a Impaayera Itiyoophiyaa keessatti fedhii fi dirqiidhaan Ayaanaa fi qophiilee gara garaa sababeeffachuun walgahii fi hiriirri hedduumaatee jira. Keessattuu ayyaanootaa fi qophiilee fedhii uummataatiin qophaawanirratti kan hirmaatan lakkoofsaanis haata’u fudhatamummaadhan iddoo olaanaa qabu. Sabaa fi sablammoonni hedduuniis ayyaanoota kanarratti ni hirmaatu. Carraan akkasii ammoo uummatoota cunqursaa fi gabrummaa jala jiraniif keessattu uummata akka Oromootiif carraa faayidaa guddaa qabuudha. Kan yeroo ammaa kana biyyoota gara garaa keessatti argaa fi dhagahaa jirus kanuma. Uummanni ayyaanoota adda addaa kana kabajuuf walitti dhufes haa tahu inni dirqamaan mootummaaan baafame eennaa mirga isaa fi bilisummaa isaaf falamatu argaina. Qaanqeen iddoolee sirni amanataa fi aadaa itti gaggeefamuu kaate yoo biyya heedduu keechatti laboobdee abbootii irree waaddituu fi hangoo humnaan qabatanirraa buuftu argaat jira.
Yeroo ammaa kana biyya arbaatti, salaata jimu’aan booda, biyya kiristaanaatti kadhannaa sanbataatiin booda, hawaasni iddichatti argame gaafii mootuummoota abbaa irreerratti kaase yoo jabeessee itti fufu argaa jirra. Kan bilisoomees kan bilisummaaf karaa gahees argaa fi dhagaat jirra. Gama uummattoota cunqurfamoo Itiyoophiyaa keessa jiraniitti yoo deebine ammoo carraan fi iddoon gaafilee akkasii; gaafii mirgaa , dimookiraasii fi bilisummaa itti kaasan hedduu dha. Inni tokko hiriira mootummaan koottaa na deegaraa jedhee humnaan isaan baasurratti isuma mootumaa wayyaaneetti gargaluudhaan jibbaa fi diddaa qaban agarsiisuu fi ofirraa fonqolchuuf gamtaan sochoo’uu yoo tahu; inni lammataa ammoo manneen amantaa adda addaa fi bakka akka Irreechii itti kabajamuuutti gaafii fi jabba mootummaa abbaa irreef qaban sagalee tokkoon ol-fuudhanii adduunyaaf dhageesifachuu dha.
Muuxannoo fi dhugaa adduunyaa kanarratti argaa jirruun abbootiin irree keessattuu kanneen akka wayyaanee uummanni gocha isaanii hiriira bahee akka balaaleffattuf hin heyyaman. Mootummaa akka wayyaanee kan hiriiraa hin heyyamne kana ofirraa buusuuf ammoo carraan jiru uummanni cunqurfamaan akka Oromoo wayitii ayyaanootaa fi sababa adda addaatiin walitti dhufu mormii fi jibba mootummaa abbaa irreef qabu tokkummaan dhaabbatee adduunyaaf agarsiisudha. Isa aksiitiif ammoo sirni akka ayyaanaa Irreecha Bishooftuu fi Oromiyaa Iddoo gara garaatti kabajamuu iddoo olaanaa qaba.
Uummanni Oromoo mootummaa abbaa iirree fi saamichaa wayyaanee ofirraa buusuu fi gocha isaa gara jabinaa kana adduunyaatti muldhiisuuf carraalee qabu hundattuu fayyadamuu qaba. keessattuu dargaggeessi/Qeerroon/ Oromoo karaa saaquudhaan adda duree tahuun fardii dha. Uummanni Oromoo Qabsoo hidhannoo dhaaba ijoolleen isaa ijaaran ABOdhan gaggeeffamu cinaatti bakka jirutti gurmaawee murna isa saamaa , ajjeesaa fi hidhaa jirtu wayyaaneerratti sagalee diddaa gabrummaa dhageessiisuu qaba. wayyaanee ofirraa buusuuf lafa amantaa isaa, aadaa fi duudhaa isaa itti gaggeessuu hundattuu sagalee diddaa dhageessifachuun murteessa dha.
Akkuma beekamu dhuma fulbaanaa kanarra ayyaanni Irreechaa uummata Oromoo guutuu biyyatiiraa dhufu fi jaalattoota aadaa isaatiin sirna hoo’aadhaan ni kabajama. Sirni kabaja Ayyana Irreechaa Oromoon miliyoona hedduun lakkaawwamu irratti argamu kun ammoo sirna achumatti wal arginee Irreeffannee sirbinee, dhiichifnee gallu qofaaf oolu tahuu hin qabu. Akkuma biyyoota Arabaa fi biyyatoo amantiilee biraa hordofan keessatti argine iddoon akkasii madda jijjiramaa fi mirga ofii itti kabachiisuuf socho’an ta’uu qaba. Ummanni Oromootis kana hubachuun sochii isaa cimsee irree tokkoon sirna Irreechaa booda mirga isaa wayyaaneedhaan sarbame gaafatachuu qaba. Kanarratti dargaggeessi Oromoo /Qeerroon/, sabboontoonnii fi jaalattoonni bilisummaa Oromoo uumata cinaa goruun gaafii uummataichaa adduunyaaf calaqqisiisuudhaaf of qopheessuu qabu. uumata sochoosuudhaan, ijaaranii iddoolee akkasii baayyee murteessaa tahanitti akka sagalee tokoon rakkina isaa beeksifatu gahee guddaa taphachuu qabu. Iddoo mirgii fi bilisummaan isaa wayyaaneedhaan sarbamee, ijoolleen isaa ajjeefamaa fi hidhamaa jirtutti dhiichisee, Irreefatee galuu qofti Oromoof Gammachuu hin kennu.
Dhiichisanii sirbanii “kan baranaa kan bara egareetiin nu gahii” jedhanii irreefatanii galuun yoo mana nagahaa, tasgabaahaa fi kan ofii qabaatanii dha. Kan Oromoon keessa jiru gabrummaa dha. Gabrummaa kana jalaa baanee abbaa biyyaa fi abbaa malkaa ta’uuf ammoo hundii keenyaa carraa aragannee fi qabnuun mirga keenyaaf falmachuutu nurraa eegama. Birraan kunis yoos; birraa jijjiramaa, birraa bilisumma taha. Kanaafuu ayyaana Irreechaa bara 2013 kan akka walii galaatti magaalaa Bishooftuu Hora Arsadiitti kabajamurrattis ta’ee Malkaa Oromoon qabu maraarratti mirgaa fi bilisummaa keenyaaf sagalee keenya tokko goonee ol kaafnee yaa iyyinu, Adduunyaatti haa dhageechifannu! Yoo Abbaan iyyate Ollaan namaaf mirmata waan ta’eef!

No comments:

Post a Comment