Manni murtii waliigala Oromiyaa guyyaa kaleessaa galmee himata dharaa ilmaan Oromoo irratti dhiyaate ilaalee murtii akka kennu dirqame.
Abbootiin seeraa fi abbaatiin alangaas himata sobaa kana fi sochii tumsa hidhamtoota Oromoof maatii hidhamtootaa fi sabboontota Oromootiin taasifamaa jiruun hedduu muddamuun mul’atera. Mootummaan Wayyaanees sochii tumsa guddaa Oromoon waliif gochaa jiruun waan qabee gadhiisuu dhabuun, dabballootaa fi poolisota isaa bobbaasuun dhiphina keessa seenee jiraachuun saaxilamera. Maatiin hidhamtootaa fi sabboontotni Addacha irratti argamuun ilmaan keenya balleessa hin qaban bilisaan gadhiifamuu qabu, yoo xiqqaatee hanga guyyaa har’aa badii malee hidhamuu isaaniif mootummaan gaafatamuu qaba. Mirgii wabii dura jalaa dhorkamee ture illee eegamuufi qaba jechuun dubbachaa turan. Sabboontootni Oromoo dhaddacha nkana
nhordofan hundii gaaffiin mirgaa akkamitti maqaa shororkeessitummaan nama himachiisa jechuun, sagalee mormii qaban uummataaf ibsuun dubbiin kun sobaa fi jallinaan kan guutame waan ta’eef Oromoon gamtaan falmachuu qaba jechuun dhamsa dabarsan.
nhordofan hundii gaaffiin mirgaa akkamitti maqaa shororkeessitummaan nama himachiisa jechuun, sagalee mormii qaban uummataaf ibsuun dubbiin kun sobaa fi jallinaan kan guutame waan ta’eef Oromoon gamtaan falmachuu qaba jechuun dhamsa dabarsan.
Haalli jiru baay’ee muddaa fi rakkoo guddaatti kan adeema jiru waan ta’eef manni murtii waliigala Oromiyaa kanuma irraa ka’uun dhaddacha guyyaa har’aa Oleen ilmaan Oromoo irratti himanni dhiyaatee soba, ragaa qabatamaa kan hin qabne ta’uu hubachuun hidhamtoota irra caalaaf irra deebi”uun qorannaan akka godhamuuf, Yakki dhiyaacha jiru kun shororkeessuummaa nama jechisiisa moo hin jechiisiisu kan jedhu illee irraa deebi’ame akka qoratamu dubbachuun beellama Hagayyaa 30/2006tti beellame jira.ilmaan Oromoo hidhamanii jiran immoo bilisaan gadi akka lakkifaman gaaffii kaachiisan. haaluma kanaan manni murtii waliigala Oromiyaa muddamaa fi dhiphina guddaa keessa turte.
No comments:
Post a Comment