(Oromedia, 23 Bitootessa 2014)Hawaasti Oromoo fi Ogaaden Afriikaa Kibba magaalaa Jouhanisbargi keessa jiraatan hirira mormii Bitootessa 18, 2014 gaggeessaniin gochaa dhiittaa mirga namoomaa Itoophiyaa keessatt raaawwatamaa jiru balaaleffatan.
Gaafatamaan Waldaa Hawaasa Oromoo Afrikaa Kibbaa, Ob Abdurahamaan , akka ibsanitti, hawaasti Oromoo fi Ogaadeen gamtaadhaan bahanii gochaa mootummaan Itoophiyaa balaaleffataniiru.
Hiriira mormii kun kan xiyyeeffate, walgahii guyyaa hundeeffama Pan-African Parliament kan mootummoonni Afriikaa 54 irratti gochaa dhokataa mootummaa Itoophiyaa saaxiluu yoo ta’u, “Itoophiyaan biyya gourraachaa ummata Oromoo koloneeffatteedha!” dhaadannoo jedhus qabatanii bahuun isaaniis beekameera.
Akka dura taa’aan waldaa hawaasa Oromoo nuu himetti, gara fuulduraattis gochaa mirga dhala namoomaa irratti raawwatamu saaxiluu fi sagalee ummata Oromoo addunyaatti beeksisuu irratti akka hojjatan dabalanii dhaamaniiru.
No comments:
Post a Comment